“Hidha Haaromsaa Guddicha Itioophiyaa injifannoon goolabdanii olka’iinsa biyyaaf boqonnaa haaraa waan saaqxaniif galatoomaa!”- Pirezidaant Shimallis Abdiisaa - ENA Afaan Oromoo
“Hidha Haaromsaa Guddicha Itioophiyaa injifannoon goolabdanii olka’iinsa biyyaaf boqonnaa haaraa waan saaqxaniif galatoomaa!”- Pirezidaant Shimallis Abdiisaa

Ijaarsi Hidha Haaromsaa Guddicha Itioophiyaa Pirojektii seena qabeessa irree Uummataa xiiqiif gamtaa’ee fi tumsa lukkuu hanga lubbuutti kaffalameen ilaalcha hin danda’amuu diigee Ashaaraa dhaloota haaraa galmaa’edha. Injifannichi seenaa fi seeneffama gootummaa gurraachotaa irra deebiin copha dafqaa fi copha dhiigaan galmee seenaa shira kamiinuu dukkaneeffamuu fi haqamuu hin dandeenye Adwaa 2ffaa ta’uun kan barreeffamedha.
Pirojektichi qormaata keessoofi Idil-Addunyaa xaxamiinsa hamaa qabu hoggansa tarsiima’aa looreetni nagaa Addunyaa Muummichi Ministeeraa Dr Abiyyi Ahmad kennaniifi aarsaa qaalii Ummatni keenya aarsaa itti fufiinsaan kaffalaniin boqonnaa seenessa dulloomaa siyaasa bishaan gaanfa Afriikaa guutummaatti jijjiireera. Kanaafis ummatnii fi hoggansi keenya injifachuutti boonneerra. Sammuun injifannoo raajii kana galmeesse, aarsaan jaalalaa fi kabaja biyyaaf kaffalame faajjii birmadummaa fi bilisummaa ta’ee yeroo hunda olka’ee leellifamaaf yaadatamaa jiraata.
Baga gurmoofne baga duullee duulchifne; baga injifanne. Kabajamtoota ummata keenyaa galatoomaa; ulfaadhaa!
Hiriirri guddicha guutummaa Oromiyaa Kaabaa hanga Kibbaa Bahaa hanga Lixaatti har’a gaggeeffame kun diinaafis firaafis ergaa murteessaa dabarseera. Dinootni dhaabbataan guddina Itioophiyaa hin jaalanne olka’iinsa Itioophiyaa arguus dhaga’uus hin barbaadne dambalii ummataa guddaa kanaan qalbiin cabeera. Ummatni keenya garaagarummaa ilaalchaa, lagaa fi kutaan osoo hin qoodamiin Irree gamtummaa isaa ammas irra deebiin nuuf mirkaneesseef Mootummaan Naannoo Oromiyaa kabajaa fi ulfina olaanaa kan qabu ta’uu irra deebiin isiniif mirkaneessuun barbaada.
Boqonnaan keessa jirru gama hundaan haaraadha. Gubaarratt rivaanii kutnee olka’iinsa biyya keenyaa jalqabsiifneerra. Jalqabbii olka’iinsa biyyaa labsame hordofee pirojektootni gurguddoon hoggansi keenya kabajamoo Muummicha Ministeraa Dr Abiyyi Ahimad Gubaarratti labsan duula hiyyummaarratti eegalleen injifannoo olaanaa kan nu gonfachiisu; gaanfa Afriikaatti dorgomtummaa Itioophiyaa sadarkaa olaanaatti kan ceesisudha.
Dhalootni kun humna abjuun kan guutame; hoggansa tarsimaa’aan kan masakame aarsaa qaalii kaffaluun jecha gochaan dhugoomsaa kan jirudha. Kabajamtoota ummattoota naannoo keenyaa; kaayyoon keenya Oromiyaa ijaaruu, Itioophiyaa utubuu fi gaanfa Afriikaa tasgabbeessuudha. Ergama kanaaf cimnee halkanii fi guyyaa imaanaa ummataa qabannee cichinee harka wal qabannee hojjechuu barbaachisaadha.
Abbaayyaan misooma biyyaa finiinsuu eegaleera. Didaa leenjisee misoomatti kan deebise harki gamtaa ummata keenyaa har’as bifa haaraan olka’iinsa Itioophiyaa itti fufsiisuun biyya fakkeenya badhaadhina Afriikaa ijaaruuf sagalee tokkoon waadaasaa yommuu haaressu akka mootummaatti ergama qabanneef aarsaa barbaachisu kaffaluun fuula duratti akka tarkaanfachiifnuuf abdii nutti hortaniittu. Isiniin boonneerra; karoora qabanne xiiqiin milkeessinee amaanaa nutti laattan osoo hin sharafin galmaan geenyee kan isin gammachiifnu ta’uu isiniif mirkaneessuun barbaada.
Xumura irratti boqonnaa haaraa eegalleen ajandaan biyyaalessaa guddichi mootummaan keenya qabatee jiru dhimma Ulaa Galaanaati. Ulaa Galaanaa shiraan dhabne seeraan deebisuun biyya guddoo ulfana maluuf gonfachiisuuf kan hojjennu ta’a.
Horaa bulaa deebanaa!
Oromiyaa ni ijaarra,
Itioophiyaa ni utubna,
Gaanfa Afriikaa ni tasgabbeessina;
Waaqayyos nu gargaara!
Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii MNO
Fulbaana 2018