Tamsaasa Kallatti:

Rifoormiin Waggaa Torba dura Biyya Kanatti gaggeeffame Hidha Haaromsaa Itiyoophiyaa Guddicha badiirraa baraareera-Awwaluu Abdii

Fulbaana 07/2018(TOI)-Rifoormiin Waggaa Torba dura Biyya Kanatti gaggeeffame Hidha Haaromsaa Itiyoophiyaa Guddicha badiirraa baraareera jechuun Itti Aanaan Pirezidaantii Naannoo Oromiyaa Awwaluu Abdii ibsan.

Hidha Haaromsaa Itiyoophiyaa Guddichi xumuramuu ilaalchisuun Naannoo Oromiyaa magaalota adda addaatti hiriirri deeggarsa ummataa Mata duree “gamtoomaan Milkeessineera” jedhuun gaggeeffamaa jira.


 

Hiriira deeggarsaa Magaalaa Asallaatti gaggeeffameeratti itti Aanaan Pirezidaantii Naannichaa Awwaluu Abdii argamuun ergaa dabarsniin, lagni Abbayyaa biyya abbaasaa dukkanatti dhiisee biya ormaa qanaaniisaa waggootaaf jiraataa turuu ibsaniiru.

Mootummaa fi dhaloonni darban Abbayaan misoomaaf oolchuuf yaalanis, dadhabanii Abbayaaf Sirbanii, weeddisanii nagaa itti dhaamaa turaniiru jechuun dubbataniiru.

Dhaloonni haaraan kunii fi mootummaan jijiiramaa keenya hawwii barootaa fi abjuu abbootii karooraa hoggansa tarsiimawaan hoogganamee milkeessuu danda’uu kaasaniiru.

Kanaanis kan Addunyaan hin danda’an jedhee maqaa nuballeesse dandeenyee biyya jabduu fi hooggansa tarsiima’aa karoorse cichoominaan milkeessuun keenya qabataamaan dhugoomuu ibsaniiru.

Riifoormiin Waggaa 7 dura biyya kanatti gaggeefamee ture Hidha Haaromsa Itiyoophiyaa Guddicha badiirraa baraaree jira jedhaniiru.

Hidha Guddaa kan hirmaannaa keessanin ijaarree xumurree jirra kanaafis baga gammadaan jedhaniiru.

Osoo dinni kallattii garaagaraan waraana nutti banee jiruu rakkoo tokkoof otoo hin jilbeeffatiin tokkummaan milkeessuu dandeenyeera jedhaniiru.


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015