Awwaalchi gazexessaa Gabrahiywoot Kaahisaay raawwatame

Fulbaana 06/2018(TOI)-Sirni awwaalchaa Gaazexessaan Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa duraanii Gabrahiywoot Kaahisay michoonnii fi firoottansaa waa’iltoonni isaa ogummaa bakka argamanitti Adaamaa bataskaana kaateediraalii madaana alam qulqulluutti raawwatame.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti waggaa 30’f kan tajaajile Gaazexessaan Gabrahiywoot Kaahisaay rakkoo fayyaa battalaa isa mudateen kaleessa addunyaa kanarraa boqoteera.

Gaazexessaa Gabrahiywoot Kaahisaayi abbaasaa obbo Kaahisaayi Abrahaa fi haadhasaa adde Balaayinash Quwaaletaayi irraa naannoo Tigraayi Awuraajjaa Indartaa Mudde 5 bara 1953 ture kan dhalate.

Gaazexessaa Gabrahiywoot Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti hojii erga eegalee baatii Adoolessa bara 1983 irraa amma Amajjii 1 bara 2015 soorama bahetti riippoortararraa amma Itti aanaa gulaalaatti tajaajileera.

Damee barnootaa Gaazexessummaa fi Komunikeeshinii digirii jalqabaa kan qabu Gabrahiywoota miiltoo hojii biratti kan jaalatamu gaazexessaa cimaa ture.

Oduu qindeessuun gamatti barreeffamoonni garagaraa mata dureewwan garagaraarratti barreesse gaazexaa Addis zamanii fi kitaabeewwanirratti maxxanfamaniiru.

Gaazexessaa Gabrahiywoot Kaahisaayi jireenya hawaasummaasaatiin waliigalee kan jiraatu, miiltoowwan hojii biratti kan jaalatamu, dadhabe osoo hinjedhiin kan hojjetu gaazexessaa cimaa ta’uu miiltoon isaa gaazexessaa Ballaxaa Adinoo nidubbata.

Miiltoonsaa Gaazexessaa Mattaafaraa Girmaa, gaazexessaa Gabrahiywoot Kaahisaayi hojiisaan kan galateeffame cimaa fi gazexessoota dargaggoof fakkeenya ta’uu dubbateera.

Gaazexessaa Gabrahitwoot Kaahisaayi bultii kan qabuu fi abbaa ijoollee durbaa lamaa fi dhiira tokkooti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015