Buufanni Xiyyaaraa Idil-Addunyaa Bishooftuu Itiyoophiyaa Gidduugala Aveeshinii Afriikaa ijoo ishee taassisa-Ministira Ahimad Shidee - ENA Afaan Oromoo
Buufanni Xiyyaaraa Idil-Addunyaa Bishooftuu Itiyoophiyaa Gidduugala Aveeshinii Afriikaa ijoo ishee taassisa-Ministira Ahimad Shidee

Fulbaana 06/2018 (TOI)-Buufanni Xiyyaaraa Idil-Addunyaa Bishooftuu Itiyoophiyaa Gidduugala Aveeshinii Afriikaa ijoo akka ishee taassisu Ministirri Maallaqaa obbo Ahimad Shidee ibsan.
Daandiin Qileensa Itiyoophiyaa piroojeektii buufata Xiyyaaraa Magaalaa Bishooftuutti Ijaaramu ilaalchisee sagantaa hubannaa uumuu gaggeessaa jira.
Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee, hojii raawwachiisaan olaanaa Daandii Qilleensa Itiyoophiyaa Masfin Xaasoo, gorsitoonnii fi kontiraaktaroonni diizaayinii gamoo buufata xiyyaarichaa akkasumas dippiloomaatonni biyyoota adda addaa fi hoggantoonni dhaabbilee faayinaansii waltajjicharratti argamaniiru.
Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee wayita kana Buufanni Xiyyaara Idil-Addunyaa Bishooftuu fedhii Itiyoophiyaa kan milkeessuu, walitti hidhaminsa Idil-Addunyaa fi misooma fulla’aa kan mirkaneessu ta’uu ibsaniiru.
Dabalataanis carraa keenya fuulduraa kan argisiisudha jedhaniiru.
Buufanni Xiyyaaricha Tajaajila geejjibaan olitti walitti Hidhaminsaaf, guddina Riijiniif, Tuuriizimiif, tokkummaa Ardiitiif, cehumsa Hawaasummaa fi Dinagdeetiif adda duree tarsiimawaa ta’uu hubachiisaniiru.
Buufanni Xiyyaaraa Idil-Addunyaa Haaraan dhiheenya Magaalaa Finfinneetti bakka tarsiimawaatti ijaramu Afrikaarraa isa guddaa ta’a jedhameera.
Yeroo Ijaarsisaa xumuramutti dhiibbaa buufata xiyyaaraa Idil-Addunyaa Booleerra jiru akka salphisu dubbataniiru.
Dabalataanis Itiyophiyaa gidduugala Aveeshinii Afriikaa ijoo akka taassisu hubachiisaniiru.
Buufata Xiyyaaraa Lamaan kan wal-quunnamsiisu daandiin baaburaa safisaa addaa akka diriirfamu ibsuun, kunis daandiin Imaltootaa saffisaan akka jiraatu gargaara jedhaniiru.
Hojii raawwachiisaa Olaanaan Daandii Qilleensa Itiyophiyaa Masfin Xaasoo gamasaaniin Daandiin Qilleensichaa kaayyoo Afriikaa Addunyaan walitti hidhuu qabatee Afirikaanotaa fi Addunyaaf tajaajila Xiyyaaraa Amansiisaa kennaa turuusaa ibsaniiru.
Waggoottan Darban Buufanni Xiyyaara Idil-Addunyaa Boolee lakkoofsa imaltoodaa dabalaa dhufee keessummeesuuf hojii babal’isaa hedduu raawachaa turuusaa eeraniiru.
Yeroo ammaa waggaatti imaltoota miiliyoona 25 keessummeessuu dandeessisurra ga’uu hubachiisaniiru.
Daanniin Qilleensichaa guddinasaa itti fufuun buufata Xiyyaaraa booleerraa fageenya kiiloomeetira 40rratti kan argamtu Naanoo Magaalaa Bishooftuutti buufata Xiyyaaraa haaraa Ijaaruuf Murteessuu ibseera.
Waggoottan darban ijarsaPirojeektii kanaa jalqabsiisuuf qophii barbaachisoo taasifamaa turuu ibsaniiru.
Pirojeektichi Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaatiif Boqonnaa guddaa ta’uu eeruun, Ijaarsichi guutummaa guutuutti yeroo xumuramu, guddina, jabinaa fi tokkumaaa Afriikaa daggaagsa jedhaniiru.