Ummata hirmaachisuun seenaa hojjechuun akka danda’amu hidhi haaromsaa guddichi agarsiiftuudha - ENA Afaan Oromoo
Ummata hirmaachisuun seenaa hojjechuun akka danda’amu hidhi haaromsaa guddichi agarsiiftuudha

Fulbaana 06/ 2018 (TOI)- Ummata hirmaachisuun seenaa hojjechuun akka danda’amu hidhi haaromsaa guddichi agarsiiftuudha jedhan hooggantoonnii fi hojjettoonni magaalaa Adaamaa
Hidhi haaromsaa eebbifamuu sababeeffachuun hooggantoonni bulchiinsa magaalaa Adaamaa fi jiraattonni gammachuusaanii ibsuuf ganama har’aa waliin ta’uun sosochii qaamaa taasisaniiru.
Paartii badhaadhinaatti hoogganaan waajjira damee Adaamaa obbo Ashannaafii Ajjamaa saganticharratti akka ibsanitti, hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi ummata hiriirsuun seenaa hojjechuun akka danda’amu kan agarsiise milkaa’ina walooti jedhaniiru.
Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi dhiheessii anniisaa guddisuun fayyadama dinagdee kan bal’isu Ta’uu ibsaniiru.
Hidha kana xumuruuf jiraataan magaalaa hundi fi bulchiinsichi deeggarsa walirraa hincinne taasisuusaa yaadachiisaniiru.
Saganticharratti kan hirmaatan Af-yaa’iin mana maree bulchiinsa magaalaa Adaamaa adde Immabeet Jibbaa hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi xumuramuusaatiin gaabbiin ummataa gammachuutti jijjiiramuusaa dubbataniiru.
Hidhi haaromsaa guddichi carraaqqii ummataan dhugoome faayidaa dinagderra darbe pirojektoota gurguddoo hojjechuun akka danda’amu kan mirkaneessedha kan jedhe ammoo dargaggoo Ameen Zamadkuun jedhama.
Hidhichi hanqina anniisaa elektiriikii furuun misoomaaf humna dabalataa akka ta’u dubbateera.