Hiriirri deeggarsaa Naannoo Amaaraatti gaggeeffame ummanni naannichaa jechaa fi gochaan misoomaaf kan tumsu ta’uu kan itti agarsiisedha-Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa

Fulbaana 06/2018 (TOI)- Hiriirri deeggarsaa Naannoo Amaaraatti gaggeeffame ummanni naannichaa jechaa fi gochaan misoomaaf kan tumsu ta’uu kan itti agarsiise ta’uu Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa ibsan.

Itti aanaan ministira muummee ergaa fuula marsariitiisaaniirratti dabarsaniin, hidhi haaromsaa mallattoo barabaraa kallattii hundaarraa gara yaadama misooma biyyaalessaatti ida’amuun humna ta’uu fi walii tumsuuti jedhaniiru.

Hiriirri deeggarsaa har’a naannoo Amaaraa magaalaawwan garagaraatti ummanni agarsiise hiriira bifa hedduu qabudha kan jedhan itti aanaan ministira muummee, ummanni jechaanis gochanis misuumaa akka tumsu kan itti agarsiisedha jedhaniiru.

Hiriirri har’a naannoo Amaaraatti gaggeeffame akkuma Abbaayi galma guddaaf ida’amuu, qormaatilee mo’achaa cehuu, aarsaa misoomaaf kaffalame kan kabajuu sagalee ummata kabajameeti jechuun dubbataniiru.

Hiriirri ummataa gurguddoon akkasii sagalee ciminaa misooma gurguddoo itti aananiiti jedhan itti aanaan minisira muummee ergaa dabarsaniin.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015