Godina Shawaa Lixaatti Manneen Barnootaa Idileen duraa fi sadarkaa1ffaanTajaajila tola ooltummaa gannaan ijaaraman tajaajila kennuu eegalaniiru - ENA Afaan Oromoo
Godina Shawaa Lixaatti Manneen Barnootaa Idileen duraa fi sadarkaa1ffaanTajaajila tola ooltummaa gannaan ijaaraman tajaajila kennuu eegalaniiru

Fulbaana 06/2018(TOI )-Godina Shawaa Lixaatti Manneen Barnootaa Idileen duraa fi sadarkaa 1ffaa tajaajila tola ooltummaa Gannaan ijaaraman tajaajila kennuu eegaluusaanii Waajjirri Barnootaa Godinichaa Beeksise.
Hojiin baruu Barsiisuu bara Barnootaa 2018 itti gaafatamtoonni Waajjira Barnootaa Godinichaa bakka argamanitti Aanaa Ejersa Lafoo Mana Barumsaa Gabaa Dilbataa sadarkaa 1ffaatti kaleessa eegalameera.
Itti Gaafatamaan Waajira Barnootaa Godina Shawaa Lixaa Obbo Baandiraa Galaanaa, bara barnootichaa bu’aa qabeessa taassisuuuf baatiiwwan gannaatti hojiiwwan adda addaa raawwatamuusaanii ibsaniiru.
Keessumaa hojii tola ooltummaa gannaan Manneen Barumsaa Idileen duraa fi sadarkaa 1ffaa, Mannni Jireenyaa Barsiisotaa fi Manni Kitaabaa Dijiitaalaa ijaaramuusaanii dubbataniiru.
Bara Barnootaa kanatti barattoonni kuma 700 dhaabbilee Barnootaa Godinichatti argaman kuma 2 fi 167 keessatti barachaa jiru jedhaniiru.
Itti Gaafatamaan Waajjira Barnootaa Aanaa Ejersa Lafoo Obbo Takkaalliny Fiqiree gamasaaniin, Manneen Barnootaa Idileen duraa Tajaajila tola Ooltummaa Gannaan ijaramnan tajaajila eegalaniiru.
Kananis Aanichatti bara Bara kana barattoonni kuma 17 galmaa’anii Barnoota eegaluusaanii ibsanii, hojiin baruu fi barsiisuu cimee kan itti fufu ta’uu himaniiru.
Aanichatti kan argamu Daarektarri Mana Barumsaa Idileen Duraa Oolmaa Odaa kan ta’an Bayyanach Qaqqabaa gamasaaniin, Manni Barumsaa Idileen duraa hojii eegaluun isaa jiraattota naannichaaf faayidaa guddaa qaba jedhaniiru.
Aanichatti barattuu kutaa 8ffaa kan taate Haannaa Maammoo, baatii gannaa barachaa turuushee himuun, barnoota idilees sirnaan hordofuuf qophaa’uushee ibsiteetti.
Haaluma wal fakkattuun hojiin baruu fi Barsiisuu bara barnootaa baranaa Godina Wallaga Lixaa fi Iluu Abbaabooritti guyyaa kaleessa eegaleera.
Waajjira Barnootaa Godina Wallaga Lixaatti Ogeessi Madaallii Barnoota Idileen duraa Kennasaa Kabbadaa TOI’f akka ibsaniti, hojiin baruu fi barsiisuu bara Barnootaa 2018 eegaleera.
Godinichatti bara Barnootaa kanatti Barattoonni kuma 540 ol Idileen duraa irraa eegalee hanga sadarkaa 2ffaatti barsiisuuf haaldureen xumuramuu ibsaniiru.
Godina Iluu Abbaaboor Aanaalee hundatti dhaabbiileen Barnootaa kuma 1 ol har’a barsiisuu eegaluu Itti Aanaan Waajjira Barnootaa Godinichaa Obbo Goobanaa Alamaayyoo beeksisaniiru.
kanaanis Godinichatti, manneen barnootaa kuma 1 fi 35 Idileen duraa hanga kutaa 12ffaatti Barnoonni Idilee kennamu kan eegale yoo ta’u, walii gala barattoota kuma 200 ol simatee barsiisuuf karorsuun hojiin eegalamuu ibsaniiru.