Naannoo Oromiyaatti ganni bahuu hordofee tamsa’inni dhibee busaa akka hin babal’anneef tattaaffiin adda addaa taassifamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Oromiyaatti ganni bahuu hordofee tamsa’inni dhibee busaa akka hin babal’anneef tattaaffiin adda addaa taassifamaa jira

Fulbaana 06/2018(TOI )-Naannoo Oromiyaatti ganni bahuu hordofee tamsa’inni dhibee busaa akka hin babal’anneef hojiin adda addaa raawwatamaa jiraachuu Biiroon Fayyaa Naannichaa Beeksise.
Naannichatti yeroo ammaa marsaa jalqabaan Agobara Siree miiliyoona 1tuqaa 6 uummataaf raabsamuun himameera.
Itti Aanaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dr.Tasfaayee Kabbabaaw TOI’f akka ibsanitti, dhibee busaa Ittisuu fi to’achuuf hojiin bal’aan ojjetamaa jira.
Dhibee Busaa Ittisuu fi to’achuuf tattaaffii taassifamuun hawaasnii fi dargaggoonni tola ooltonni hirmaannaa qindaa’aa taassisaa jirachuu ibsaniiru.
Keessumaa bookee busaa to’achuuf hawaasa hirmachisuun bakkeewwan wal-hormaata Bookee Busaaf Mijataa ta’an, bakkeewwan bishaan kuufatan yaasuunii fi hojiin qulqullinaa hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Hojii to’annaa bookee busaa tajaajila lammummaa fayyadamuun xiyyeffannoon addaa itti kennamuu dubbataniiru.
Gama Kanaan tola ooltota hirmaachisuun manaa manatti hojii sakatta’insa bookee busaa taassisuun namoota mallattoon irratti argame gara dhaabilee fayyaa akka deeman taassifamaa jiraachuu dubbataniiru.
Hojiin tooftaa Ittisa dhibee Busaa barsiisuu dhaabbilee fayyaatti, naannoowwan uummanni itti walitti qabamanittii fi manaa manatti dabalatee raawwatamuusaa ibsaniiru.
Bakkeewwan filatamanitti Hojiin Keemikaala Biifuu akka raawwatamu ibsuun, hanga ammaatti Godinaalee Iluu Abbaaboor, Wallagga lixaa, fi Qeellam wallagaa hojiin manaa manatti keemikaala Biifuu raawwatamuu ibsaniiru.
Akkasumsa Marsaa Jalqabaan Agobora Siree miiliyoona 1 tuqaa 6 hawaasaaf raabsamuu ibsuun, hojiiwwan kun cimanii itti fufu jedhaniiru.
Waqtiin gannaa bahu hordofee dhibee busaa uumamuu danda’u ittisuu fi to’achuuf yeroo dhihootti agobora siree miiliyona tokkotti dhihaatu rabsuuf karoorfamuu beeksisaniiru.