Naannoo Amaara Magaalota Adda addaatti xumuramuu Hidha Haaromsaa ilaalchisee hiriirri deeggarsa uummataa gaggeeffamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Amaara Magaalota Adda addaatti xumuramuu Hidha Haaromsaa ilaalchisee hiriirri deeggarsa uummataa gaggeeffamaa jira

Fulbaana 06/2018(TOI )-Naannoo Amaara Magaalota adda addaatti xumuramuu Hidha Haaromsaa ilaalchisee hiriirri deeggarsa uummataa gaggeeffamaa jira
Hiriirri deeggarsaa mataduree gamtaan dandeenyeera! Jedhuun Naannichatti Magaalaa Bahaar Drdaar Dabalatee Gondar, Dasee, Dabrabirhaan, Dabramaarqoos, Waldiyaa, Saqoxaa, Dabra Taabor, Injibaaraa, Ganda Wuhaa fi magaalota birootti ganamaa eegalee gaggeeffamaa jira.
Dhaadannoowwan Hidhi Haaromsa Mallattoo Bayyanachuu Itiyoophiyaati, Ashaaraa Badhaadhina keenyaa, Ifa qabatamaa kan itti arginedha, qabeenya biyyaa humna ofiin ijaarree fi Afriikaa boonsudha kan jedhuu fi biroon hiriirtonni qabatnii bahaniiru.
Injifannoo boonsaa dhaloonni bara Abbay kan itti yaadatamuu fi bu’ura sab-daneessummaa keenyaa akkasumas jalqabbii bayyanachuuti kan jedhanis akkasuma.