Kayyoo Qabaadhee Cimee Qo’achuukoon Milkaa’eera- Barataa Kaaliid Bashir - ENA Afaan Oromoo
Kayyoo Qabaadhee Cimee Qo’achuukoon Milkaa’eera- Barataa Kaaliid Bashir

Fulbaana 06/2018(TOI )- Kaayyoo qabaadhee cimee qo’achuu kootiin milkaa’inaaf qaqqabeera jechuun qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa qabxii olaanaa kan fide barataa Kaaliid Bashir dubbate.
Naannoo Oromomiyaa Mana Barumsaa Bultii Addaa Dodolaa Sadarkaa 2ffaa bara barnootaa 2017 Barataa Kaaliid Bashir Qormaata xumuraa kutaa 12ffaa qabxii 591 fiduun sadarkaa biyyoolessaatti qabxii olaanaa galmeessiseera.
Barataan kun Barnoota Afaan Ingiliffaa 96, Herreega 100, Fiiziksii 100, Keemistirii 98, Baayooloojii 99, Aptitiyuudii 98, kan galmeesse yoo ta’u, walii gala 600 irraa 591 fideera.
Barataa cimaa fi bu’aaqabeessi kun kaaliid keessumaa barnootawwan lakkoofsi itti baaya’atu , guutummaa guutuutti hojjechuuni fi guutuu argachuun dinqisiisaa ta’eera.
Barataa Kaaliid turtii TOI waliin taassiseen sadarkaa biyyoolessaatti qabxii olaanaa fiduusaatiif gammachuu olaanan akka itti dhagame ibsuun, kaayyoo qabaadhee cimee hojjechuukoon milkaa’inaaf gaheera jedheera.
Icciitiin Milkaa’inasaa Barnootaaf xiyyeeffannoo addaa kennuun yeroosaa kennee qo’achuusaan, kutaa Keessatti Barnootasaa seeraan hordofuutiini fi kan isaaf hin galle barsiisota isaa gaafatee hubachuusaan ta’uu dubbateera.
Kitaabota Barnootaan dabalatee kitaabilee wabii hedduu kan qabate kuusaa mana kitaabaa Dijiitaalaa mobaayiliisaan akka fayyadamuu fi milkaa’inasaaf isa gargaaruusaa kaaseera.