Chaayinaan deeggarsa misoomaa fi guddina Afriikaaf gootu cimisitee ittifufti-Ambaasaaddar Jaang Faang

Fulbaana 05/2018 (TOI)- Chaayinaan deeggarsa misoomaa fi guddina Afriikaaf gootu cimisitee ittifuftu gamtaa Afriikaatti hoogganaan ergamaa Chaayinaa Ambaasaaddar Jaang Faangibsan.

Gamtaa Afriikaatti hoogganaan ergamaa Chaayinaa Ambaasaaddar Jaang Faang Addatti TOI waliin gaaffii fi deebii taasisaniin, Chaayinaa fi Afriikaan dhimmoota riijinii fi idil addunyaarratti tumsa qaban cimsanii ittifufuusaanii dubbataniiru.

Keessumaa riifoormii dhaabbata mootummoota gamtoomanii, jijjiirama haala qilleensaa fi shororkeessummaa wanaaruurratti waloomaan hojjechaa akka jiran ibsaniiru.

Chaayinaan deeggarsa misoomaa fi guddina Afriikaaf gootu akka ittifuftu dabalanii ibsaniiru.

Afriikaanonni rakkoosaanii ofiisaanii furuuf dandeettii fi oguma akkaqaban Chaayinaan ni’amanti kan jedhan ambaasaaddarichi, Chaayinaan deeggarsa  karaa gamtaa Afriikaa gootu cimsitee akka ittifuftu mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015