Korporeeshinichi sanyiiwwan 90 midhaan 22 baay’isaa jira

Fulbaana 05/2018(TOI)-Korporeeshiniin hojiiwwan qonnaa Itiyoophiyaa lafa heektaara 20 caalurratti sanyiiwwan 90 midhaan 22 baay’isaa akka jiru beeksise.

Hojii gaggeessaan hooggansa hojii komunikeeshinii fi ittigaafatama hawaasaa Gaashaawu Ayichiluhim akka jedhanitti, bara oomishaa 2016/17 qonna korporeeshinichaarratti oyiruuwwan kontiraata baay’iftootaa babal’aarratti fi oyiruu qonnaan bulaarratti lafa heektaara kuma 20 fi 627 uwwisuun danda’ameera.


 

Kanarraas oomisha kuntaala kuma 464 fi 270 oomishuun akka danda’ame TOI’tti himaniiru.

Raawwiin oomishaa jiddu gala rawwii waggoottansadan darbaniin dhibbantaa 34 akkasumas bara oomishaa 2015/16 waliin yoo madaalamu dhibbantaa 10 dabaluu ibsaniiru.

Korporeeshinichi lafa heektaara 20 caalurratti sanyiiwwan 90 midhaan 22 baay’isaa akka jiru ibsaniiru.


 

Waggaattis jiddugaleessaan sanyii kuntaala kuma 450 caalu fayyadamtootaaf dhiheessaa akka jiru beeksisaniiru.

Akkaataa Kanaan fedhii sanyii filatamaa sadarkaa biyyaalessaatti dhihaatu dhibbantaa 33 guutuusaa kaasaniiru.

Korporeeshinichi sanyii filatamaa dhiheessuun cinaatti midhaan alergii, mudhaan nyaataa, kuduraa fi muduraa, horsiisa loonii fi oomisha dammaarratti bal’inaan hojjechuuf sochii jalqabuusaa eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015