Hidhi haaromsaa tumsa waloo dhalootaan milkaa’e ummata naannichaa biratti kaka’umsa uumeera

Fulbaana 05/2018(TOI)- Hidhi haaromsaa tumsa waloo dhalootaan milkaa’e ummata naannoo Oromiyaa biratti kaka’umsa olaanaa uumuusaa itti aanaan pirezidaantii maammichaa Awwaluu Abdii ibsan.

Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi xumuramuu sababeeffachuun qindeessummaa biiroo Ispoortii fi dargaggoo naannoo Oromyaatiin hooggantoonnii fi hojjettoonni naannichaa sosochii ga’umsa qaamaa gaggeessaniiru.

Saganticharratti kan argaman itti aanaan pirezidaantii naannichaa Awwaluu Abdii, dhaloonni ammaa tumsa waloo taasiseen hidha haaromsaa milkeessuun bu’aa guddaa addunyaatti agarsiiseera jedhaniiru.

Kunis ummata naannichaas ta’e Itiyoophiyaanota hunda biratti kaka’umsa olaanaa uumuusaa ibsanii, kaka’umsa Kanaan naannichi nageenya fulla’aa cimsuun hojiilee fayyadama ummataa guddisan irratti xiyyeeffatee nihojjeta jedhaniiru.

Ummanni tumsa hidha haaromsaarratti agarsiise hojiilee misoomaa biroorratti cimsee ittifufuu akka qabu hubachiisaniiru.

Naannichatti inisheetiivota misoomaa garagaraa hojiirra oolchuun oomisha guddisuun wabii nyaataa mirkaneessuurra darbee qaala’insa gatii tasgabbeessuuf akka hojjetamu dubbataniiru.

Dhaabbilee tajaajila kennan wiirtuu tokkotti gochuun ummanni tajaajila si’ataa fi saffisaa akka argatu hojjetamaa jira jedhaniiru.

Hirmaattota keessaa hojii raawwachiiftuun waajjira damee qindeessaa hirmaannaa ummataa hidha haaromsaa naannichaa Qonjiit Baqqalaa akka jedhanitti, ummanni naannichaa pirojektiin hidhichaa erga eegalee kaasee maallaqaa fi akaakuun deeggarsa gochaa tureera.

Deeggarsa ummanni taasiseef galateeffatanii deeggarsi kun hojiilee misoomaa biroorrattis cimsee akka ittifufu waamicha dhiheessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015