Itti aanaan Ministira Muummee Obbo Tamasgeen Xurunaa hoggantoota Mana Maree dhimmoota Islaamaa haaraa filataman waliin mari’atan - ENA Afaan Oromoo
Itti aanaan Ministira Muummee Obbo Tamasgeen Xurunaa hoggantoota Mana Maree dhimmoota Islaamaa haaraa filataman waliin mari’atan

Fulbaana 05/2018(TOI )-Itti aanaan Ministira Muummee Obbo Tamasgeen Xurunaa hoggantoota Mana Maree dhimmoota Islaamaa haaraa filataman waliin har’a mari’ataniiru.
Itti Aanaan Ministira Muummee Obbo Tamasgeen Xurunaa marii taasisan ilaalchisuun ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, filannoon biyyaalessaa majiliisaa karaa milkaa’ina qabuun akka gaggeeffamuu taasisuusaaniin ummata musiliimaa fi hoggantoota mana marichaaf dinqiisiifannaa qaban ibsuun barbaada jedhaniiru.
Filannoon majiliisaa nagaa qabeessa, hirmaachisaa fi hammataa karaa ta’een gaggeeffamuunsaa kan irraa baratamu ta’uus ibsaniiru.
Mootummaan hoggantoota mana maree biyyaalessaa dhimmoota islaamaa waliin dhimma biyyaarratti caalaatti dhiheenyatti kan hojjettu yoo ta’u deeggarsa barbaachisaa akka taasisus eeraniiru.
Hoggantoota mana marichaaf bara hojii gaarii akka ta’uuf nan hawwa jedhaniiru Itti Aanaan Ministira Muummee ergaasaaniin.