Komishinichi dandeettii dhaabbataa tajaajila gumurukii ammayyaa fi si’ataa cimsu ijaaraa jira- Komishinar Dabalee Qaabataa

Fulbaana 05/2018(TOI)- Komishiniin Gumurukii Itiyoophiyaa tajaajila gumurukii ammayyaa fi si’ataa kennuun dandeettii dhaabbatummaa guddina biyyaarratti ashaaraa guddaa kaa’uu dandeessisu ijaaraa akka jiru komishinariin komishinichaa Dabalee Qaabataa ibsan.

Komishiniin Gumurukii sirna eebbaa hojjettoota gumurukii Finfinnee gaggeessaa jira.

Ministirri galiiwwanii Ayinaalem Nugusee, komishishinariin Gumurukii Dabalee Qaabataa, komishinariin komishinii siviil sarniisii Itiyoophiyaa Dr. Makuriyaa Hayilee , eeggataan oirezidaantii Yuunivarsiitii Finfinnee Dr. Saamu’eel Kiflee fi keessummoonni waamaman saganticharratti argamaniiru.

Komishinar Dabalee Qaabataa wayita kana, komishinichi jijjiiramaan asitti sirna kenniinsa tajaajilaa fooyyessuuf hojiiwwan riifoormii dhaabbatichaa hedduu hojjechaa turuu dubbataniiru.

Haala Kanaan akkaataa gurmaa’insa caaseffama komishinichaa fooyya’een ogeeyyota gumurukii haaraan naannawoota biyyattii hundarraa fo’tamanii leenjii fudhatanii qormaata ga’umsaa darban kuma 3 fi 200 caalan eebbisiisee hojiitti galchuuf qophaa’uusaa eeraniiru.

Hojjettoonni haaraan kunneen har’a irraa eegalee hojmaata gumurukaa ammayyeessuu fi tajaajila si’ataa kennuun guddina dinagdee fi misooma Itiyoophiyaarratti ashaaraa guddaa akka kaa’an dubbataniiru.

Hojjettoonni haaraan har’a eebbifamanii hojii eegalan  amanamummaan, amala gaariin fi ciminaan biyyasaanii tajaajiluu akka qaban hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015