Naannoo Harariitti hojiin baruu fi barsiisuu bara barnootaa 2018 Eegaleera - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Harariitti hojiin baruu fi barsiisuu bara barnootaa 2018 Eegaleera

Fulbaana 05/2018(TOI )- Naannoo Harariitti hojiin baruu fi barsiisuu bara Barnootaa 2018 Eegaluu Biiroon Barnootaa Naannichaa Beeksiseera.
Itti Gaafatamaan Biiroo Barnootaa Naannichaa Obbo Geetuu Nagawoo TOI’f akka ibsanitti, barri Barnootaa 2018 naannoo Harariitti milkaa’inaan eegalaeera.
Naannichatti baatiiwwan gannaa mata duree “Barnoonni Dhalootaaf” jedhuun hojiin sadarkaa Manneen Barnootaa fooyyessuu hojjetamuu ibsaniiru.
Keessumaa Manneen Barnootaaf Suphaan Teessoo, Deeskii, Gabatee Gurrachaa fi kanneen kan fakkaatan hojjetamuu fi Manneen Barnootaa Miidhagaa fi qulqulluu taassisuu raawwatamuu ibsaniiru.
Guyyaa har’aa Manneen Barnootaa Mootummaa fi dhuunfaa hundatti adeemsi baruu fi barsiisuu eegaluu ibsaniiru.
Naannichatti bara Barnootaa kanatti barattoonni kuma 92 ol Idileen duraa hanga kutaa 12ffaa Barnootasaanii akka hordofan dubbataniiru.
Keessumaa naannichatti bu’aan jijjiirama qabxii galmaa’aa kan jiru kutaa 6ffaa, 8ffaa fi 12ffaa bara kanas hojiin fooya’aan akka hojjetamu dubbataniiru.