Walitti hidhamiinsa waliigaltee omisha qonnaan bu’aan argamaa jira-Ministeera Qonnaa - ENA Afaan Oromoo
Walitti hidhamiinsa waliigaltee omisha qonnaan bu’aan argamaa jira-Ministeera Qonnaa

Fulbaana 05/2018(TOI )-Waggootan sadan darban Walitti hidhamiinsa waliigaltee omisha qonnaatiin dameelee adda addaan karooraa ol raawwatamuu danda’uu Ministeerri Qonnaa beeksise.
Ministeerichatti Ittigaafatamaan deeskii Waliigaltee oomisha Qonnaa Sulxaan Mahaammad TOI’f akka ibsanitti, hojiiwwan karaa waliigaltee walitti Hidhaminsa waliigaltee oomisha Qonnaan hojjetamaa jiraniin raawwiinsaanii guddachaa dhufeera.
Bu’uurama Kanaan bara 2015 hanga bara 2017tti oomisheessitoonni walitti hidhaminsia walii galtee omisha Qonnaa kuma1 fi 268n ga’uuf karoorfamee,kuma 3 fi 490n gahuun akka danda’ame himaniiru.
Akkasumsa baay’ina omishtootaa walitti hidhamiinsa waliigaltee oomisha Qonnaa raawwatan waggaa sadiitti kuma 9 fi 74 gahuuf karoorfamee kuma 18 fi 85n gahuun danda’amuu mirkaneessaniiru.
Gama biraan lafa heektaara kuma 17 fi 79 tuqaa 59 walitti hidhamiinsa waliigaltee oomisha qonnaan uwwisuuf karoorfamee, lafa heektaara kuma 36 fi 74 tuqaa 92 uwwisuun akka danda’ame dubbataniiru.
Waggoottan sadan darban baay’ina oomisha alergii walitti hidhamiinsa waliigaltee oomisha qonnaa kuntaala miiliyoona 21 tuqaa 8n gahuuf karoorfamee kuntaala miiliyoona 37 tuqaa 78erguun akka danda’ame kaasaniiru.
Walitti hidhamiinsa Waliigaltee oomisha qonnaa agiroo industirii waliin uumame ilaalchisee oomisheessaa tokkoon heektaara kuma 7 oomisha Qobboon uwwisuun oomishtoonni kuma 1’n tooniin kuma 14 oomishameera jedhan.
Oomisheessitoota Kaasaavaa irratti bobba’an 2’n lafti heektaara kuma dhibba 4 uwwifamuu eeranii, oomishtoonni 350 jiraachuu fi tooniin miiliyoona 3 tuqaa 4 oomishamuu eeraniiru.
Akkasumas lafti heektaara kuma 2 mi’eessituun uwwifamee oomisheessitoota lamaan oomishtoota kuma 5n tooniin kuma 2 fi 600 oomishamuu eeraniiru.
Midhaan zayitaa lafti heektaara kuma 6 uwwifamee oomisheessitoota 3 fi oomishtoota 200n tooniin kuma 18 oomishamuu ibsaniiru.
Damee Avokaadoon oomisheessitoota afuriin waldaalee hojii gamtaa 62’n tooniin 848 oomishamuusaa dabalanii ibsaniiru.
Sanyii filatamaa baayyisuu ilaalchisee oomisheessitoota 6’n lafa heektaara 715 uwwisuun oomishtoota 654’n tooniin kuma 2 fi 920 oomishameera jedhan.
Damee Re’ee, hoolaa fi loon maalaan oomisheessitoonni sadii fi oomishtoonni 300 jiraachuu eeranii, walumaa gala beellada kuma 20 horsiisuun akka danda’ame ibsaniiru.