Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi bu’a dhamaatii fi cichooma Itiyoophiyaanota hundaati-Bulchaa Ashaadlii Hasan

Fulbaana 05/2018(TOI )-Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa guddichi bu’aa tattaafii fi Cichoomaa Guutuu Itiyoophiyaanotaati jechuun Pirezidaantiin Naannoo Beenishaangul Gumumz Ashaadilii Hassan dubbatan.

Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa guddichi milkaa’inaan xumuramuu ilaalchisuun Naannoo Beeniishaangul Gumumz Magaalaa Asoosaatti hiriirrii deeggarsa uummataa gaggeeffameera.


 

Hiriira Deeggarsaa kanarratti kan argaman Pirezidaantiin Naannichaa Ashaadilii Hassan wayita kan akka dubbatanitti, Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa Guddichi Ashaaraan Itiyoophiyaanota hundaa kan irra taa’e, bu’aa tattaaffii fi Cichoomaa ti jedhaniiru.

Hidhichi Milkaa’inaaf kan ga’e qormaatilee hedduu keesa darbuun ta’uu ibsuun , kunis kan dhugoome deeggarsaHawaasaa fi kutannoo gaggeessummaa Mootummaan ta’uu dubbataniiru.

Hidhichi Itiyoophiyaanonni dhimma Abbayirratti seenaa dhagahuurraa gara seenaa hojjechuutti kan ceenee fi Ashaaraa Dhalootaa Qormaata keessatti argame ta’uu ibsaniiru.

Hawaasni Naannichaa bu’aa hidhichaarraa fayyadamaa dhufuu ibsuun, kun immoo agarsistuu imala Diinagdee fi Badhaadhina Itiyoophiyaa milkeessuu dandeessisu ta’uu eeraniiru.

Hirmaattonni sagantichaa “Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa Guddichi keenya dhaloonni bara Abbay yaada sirrii yeroo sirriitti kan ijaarre hambaa bara baratti darbudha” akkasumas “Hidhi Haaromsaa keenyi humna keenyaan kan ijaarre utubaa tokkummaa fi walooma keenyaati” kan jedhuu fi ergaawwan biroo dhageessisaniiru.

saganticharratti jiraattonni Asoosaa fi nannooshee,hogantoota olaanoo fi qaamoleen nageenyaa hirmaataniiru.


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015