Atileetonni Itiyoophiyaa Dorgommii Gufachiisaa xumuraa dhiirootaa meetirii 3000 irratti ni hirmaatu - ENA Afaan Oromoo
Atileetonni Itiyoophiyaa Dorgommii Gufachiisaa xumuraa dhiirootaa meetirii 3000 irratti ni hirmaatu

Fulbaana 05/2018(TOI)-Dorgommiin gufachiisaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 20ffaa xumuraa dhiirotaa meetirii 3000 ni gaggeeffama.
Dorgommiin xumuraa guyyaa sa’aatii 9 fi daqiiqaa 55tti gaggeeffamurratti Lammeechaa Girmaa, Geetinnat Waalee fi Saamu’eel Fireew ni hirmaatu.
Atileet Lammeechaan shaampiyoonaa Atileetiksii addunyaa 19ffaa A.L.A bara 2023 Hangaarii Budaapestitti gaggeeffameen, Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 18ffaa A.L.A bara 2022 Ameerikaa Iwuujiitti gaggeeffeme fi Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 17ffaa kuuwaatar Dohaatti gageeffamerratti fageenya wal-fakkaatuun Meediyaalii Meetii argateera.
Lammeechaan A.L.A bara 2023 dorgommii Diyaamandi liigii paarisitti gaggeeffameen daqiiqaa 7 fi sekondii 52 fi maayikiroo sekoondii 11’n galuun fageenya Kanaan Rikoordii Addunyaa qabachuunsaa ni yaadatama.
Atileetichi seenaa hirmaanaa shaampiyoona keessatti warqii jalqabaa argachuuf lammii morookoo injifataa yeroo sanaa Soofiyaan Al-baakaalii waliin dorgommiin taassifamu ni eeggama.
Dorgommicharratti kan hirmaatu Geetinnat Waalee daqiiqaa 8 fi sekoondii 5 fi maayikiroo sekondii 15, Saamu’eel Fireew daqiiqaa 8 fi sekondii 4 fi maaykiroo sakoondii 34n fageenya filatamaa dhuunfaasaaniiti.
Shaampiyoonaan Addunyaa 20ffaa Tookiyootti gaggeefamaa jiruun Itiyoophiyaan hanga ammaatti meedaaliyaa birrii 2 fi naahaasii 1 argatteetti