Hiriirri deeggarsa ummataa guddaan “Itiyoophiyaan dandeesseetti” jedhu bakka pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee argamanitti Finfinneetti gaggeeffamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Hiriirri deeggarsa ummataa guddaan “Itiyoophiyaan dandeesseetti” jedhu bakka pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee argamanitti Finfinneetti gaggeeffamaa jira

Fulbaana 04/2018(TOI)- Hiriirri deeggarsa ummataa guddaan “Itiyoophiyaan dandeesseetti” jedhu bakka pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee argamanitti Finfinneetti gaggeeffamaa jira
Bakka pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee, Itti aanaan Ministira Muummee Tamsgeen Xurunaa, Etaamaajoor shuumiin waliigalaa humnoota waraanaa Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa, kantiibaa Adaanech Abeebee fi hooggantoonni mootummaa olaanoon bakka argamanitti hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi xumuramee eebbifamuusaa sababeeffachuun mata duree “Itiyoophiyaan dandeesseetti” jedhuun qophaa’e adda babayii masqalaatti gaggeeffamaa jira.
Ergaawwan “waltaanee dandeenyeerra”, “hidhi kun biyyoota sululichaaf gumaacha malee miidhaa hinqabu”, “hidhi keenya gamtoomina Itiyoophiyaan cimee kan dhaabatu nishaanii mo’annaa keenyaa” jedhanii fi kanneen biroo darbaa jiru.