Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaanonnii tokko taanee yoo kaane waanti nudhaabu hinjiru-Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee

Fulbaana 04/2018(TOI)- Itiyoophiyaanonnii tokko taanee yoo kaane waanti nudhaabu hinjiru-Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee ibsan.

Hidhi haaromsaa guddichi eebbifamuu sababeeffachuun mata duree “Itiyoophiyaan dandeesseetti jedhuun hiriirri deeggarsa ummataa Finfinneetti gaggeeffameera.

Pirezidaant Taayyeen wayita kana dubbii dubbatameen, hidhi haaromsaa  hunda dura humni ummatummaa cimaa ta’uu eeranii, ergaansaas Itiyoophiyaanonni nidandeenya kan jedhu ta’uu ibsaniiru.

Addunyaan rakkisaan kun isin hiyyummaa fi beelaan beekamtu yoo nuun jedhu,ilaalchi kun soba ta’uusaa fi hojjennee jijjiiramuu akka dandeenyu kan itti agarsiifnedha jedhaniiru.

Ergaan hidha kanaa, Itiyophiyaanonni tokkummaan yoo qindaa’an,akeekaa fi galmasaanii yoo adda baasan nidanda’u, waanti  dadhaban hinjiru jedhan dubbi dubbataniin.

Olaantummaan yaadaas Itiyoophiyaan nidandeessi kan jedhu ta’uu, guddummaa hojii fi mo’attummaa ifatti agarsiisuu eeraniiru.

Sammuuwwan yaadan, harki ogummaa hojiif dhama’an, hoogaantoonnii fi hojjettoonni  jalqabuufis ta’e sirnaan xumuruuf hojjetan yemmuu jiran, guddinni yaannii fi gochi gaariin yoo walfudhatan jechuudha jechuun ibsaniiru.

Yaada jallate soroorsuuf, raawwii jallate sirreessuuf kan hojjetan akkasumas hoggantoonni jeeja’uu jibban yemmuu jiraatan, hojii fi hojjechiisaan waliigalu, hojiinis niqajeela,aadaan hojiis nigabbata jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015