Hidhi haaromsaa injifannoo cichoomni Itiyoophiyaa kan keessatti mul’atedha-Pirezidaant Taayyaa Atsqasillaasee - ENA Afaan Oromoo
Hidhi haaromsaa injifannoo cichoomni Itiyoophiyaa kan keessatti mul’atedha-Pirezidaant Taayyaa Atsqasillaasee

Fulbaana 04/2018 (TOI)- Hidhi haaromsaa injifannoo cichoomni Itiyoophiyaa kan keessatti mul’atedha jedhan Pirezidaant Taayyaa Atsqasillaaseen.
Jiraattonni magaalaa Finfinnee xumuramuu hidha haaromsaa ilaalchisuun hiriira deeggarsa ummataa “Itiyoophiyaan dandeesseetti”, “walta’uu keenyaan dandeenyeerra” jedhu addababayii masqalaatti gaggeessaa jiru.
Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee, itti aanaan ministira muummee Tamsgeen Xurunaa, etaamaajoor shuumiin waliigalaa humnoota waraanaa fiildi maarshaal Biraanuu Juulaa, kantiibaa Adaanech Abeebee fi hooggantoonni mootummaa olaanoon hiriira deeggarsaa kanaratti argamaniiru.
Pirezidaantiin RDFI Taayyee Atsqasillaasee ergaa dabarsaniin hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi hiika guddaa akka qabu ibsaniiru.
Hidhi haaromsaa cichoomni Itiyoophiyaa kan keessatti mul’ate injifannoo guddaadha jedhaniiru.
Humni ummataa gochi cimaan hidha haaromsaa guddaa ta’uu eeranii, agarsiifnuu nidandeenyaati jedhaniiru.
Ummanni miiliyoona 120 kan ittiin beekamu gargaarsa eeggachuu ofirraa darbatee kan gate bu’aa ciminaa ta’uu dubbataniiru.
Hidhi haaromsaa guddummaan hojii, ga’umsi gaggeessummaa, tokkummaan ummataa kan keessatti mul’ate ta’uu ibsaniiru.
Guddiinni human elektiriikii malee kan hinyaadamne ta’uu kan hubate hojii guddaa jechuunis ibsaniiru.
Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaanotarraa Itiyoophiyaanotaaf kan kenname qabeenya qaaliidha kan jedhan pirezidaantichi pirojektichi imimmaan haadholii Itiyoophiyaa bara dheeraaf deebii kan kenne ta’uu kaasaniiru.
Qaamolee hidha haaromsaarratti hirmaannaa godhan hunda galateeffatanii, keessumaa gumaachi ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad kan galateeffamudha jedhaniiru.