Meeggaa pirojektoonni ifooman gaaffii misoomaa ummataa kan deebisanii fi carraa hojii guddaa kan uumanidha-jiraattota magaalaa Finfinnee

Fulbaana 03/2018(TOI)- Meeggaa pirojektoonni biyyaalessaa ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin ifooman gaaffii misoomaa ummataa kan deebisanii fi carraa hojii guddaa kan uuman ta’uu jiraattota magaalaa Finfinnee TOI’n dubbise ibsan.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa wayita ifatti eebbisanitti meeggaa pirojektoota Itiyoophiyaa itti aanan ifoomsaniiru.

Pirojektoonni doolaarri biiliyoona 30 caalu itti bahu kan ilmaan Afriikaa mataa olqabachiisanii fi badhaadhina Itiyoophiyaa milkeessan akka eebbifamanii fi ijaaraman ibsuunsaanii nibeekama.

Pirojektoonni ministirri muummee Dr. Abiyyi ifoomsanis Nuukileera kan itti hojjetamu, ijaarsa buufata xiyyaaraa,eebba warshaa gaazii,  warshaa gaazii jalqabaa gaazii dacha 10 ta’u oomishu, calaltuu boba’aa, ijaarsa warshaa xaa’oo fi ijaarsa manneen jireenyaa miil. 1tuqaa 5ti.

Dhimmicharratti TOI’f yaada kan kennan keessaa obbo Mollaa Yaalewu, pirojektoonni kunneen fayyadama waliigalaa ummataa kan mirkaneessanii fi gaaffii kan furan ta’uu dubbataniiru.

Obbo Gannatuu Margaa gamasaaniin, pirojektoonni biyyaalessaa ifooman akkuma hidha haaromsaa guddina Itiyoophiyaa kan saffisiisan waan ta’eef milkaa’insasaaniif tumsuu barbaachisa jedhANIIRU.

Obbo Ababawu Lammii pirojektoonni kunneen seenaa kan jijjiiran ta’uu kaasanii, akkuma hidha haaromsaa milkaa’inaan xumuramanii tajaajila akka eegalan qoodasaanii akka bahan eeraniiru.

Pirojektoonni misoomaa ifooman fayyadama dargaggootaa caalaa kan guddisan ta’uu kan eeran ammoo obbo Abbaayineh Muluu jedhamu.

Meegga pirojektoonni kunneen carraa hojii hedduu kan uuman waan ta’eef lammiileef carraa guddaadha jedhaniiru kanneen yaada kennan kunneen.

Keessumaa waggoota shanan dhufan manneen miiliyoona 1 tuqaa 5 caalan ijaaruuf karoorfamuunsaa fedhii mana jireenyaa lammiilee guutuuf xiyyeeffannoo kenname kan agarsiise tarkaanfii guddaa ta’uu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015