Hiriira deeggarsaa boru Finfinneetti gaggeeffamu ilaalchisee daandiiwwan Tiraafikaan cufaa ta’an ifooman

Fulbaana 03/2018(TOI)  Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi xumuramee eebbifamuu sababeeffachuun hiriira deeggarsaa boru Finfinnee adda babayii Finfinneetti gaggeeffamuuf daandiiwwan murasni akka cufaman qajeelchi waliigalaa poolisii Finfinnee beeksise.

Jalqaba bayyanachuu Itiyoophiyaa walharkaa fuudhinsa dhalootaan dhugoome hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi Qaammee 4 bara 2017 ministira muumme Dr. Abiyyi Ahimadiin eebbifamuunsaa nibeekama.

Guyyaa eebbaatii eegalee guutuu biyyaatti sagantaaleen garagaraa gaggeeffamaa jiru. 

Hiriira deeggarsaa guddaa boru Finfinnee adda babayii Masqalaatti gaggeeffamu hordfee poolisiin daandiiwwan cufaa ta’an beeksiseera.

Haala Kanaan Fulbaana 3 bara 2018 halkan keesaa sa’aatii 10 irraa eegalee hiriirri deeggarsaa amma xumuramutti daandiiwwan kallattii hundaan gara addababayii Masqalaa geessan sochii tiraafikaaf cufaa ta’uu poolisiin beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015