Qabxiin qormaata kutaa 12ffaa boru ifooma - ENA Afaan Oromoo
Qabxiin qormaata kutaa 12ffaa boru ifooma

Fulbaana 03/2018 (TOI)- Qabxiin qormaata kutaa 12ffaa bara barnootaa 2017 kenname boru ifooma.
Ministeerri barnootaa akka beeksisetti, bu’aa qormaataa ilaalchisuun boru sa’aatii 10 irraa eegalee miidiyaaleef ibsa nikenna.
Qormaanni kutaa 12ffaa bara barnootaa 2017 Waxabajjii 23 amma Adoolessa 8 bara 2017tti sadarkaa biyyaalesaatti kennamuunsaa niyaadatama.
Saayinsii uumamaa fi hawaasummaatiin walumaa gala barattoonni kuma 608 fi 742 galmaa’anii kuma 581 fi 905 qormaaticha fudhataniiru.
Kanneen qormaaticha fudhatan keessaa kuma 134 fi 828 karaa intarneettii qormaata kan fudhatan yoo ta’u, kan hafan waraqaan qoramaniiru.
Qormaatichi jiddugaleessota qormaataa naannolee hundaa fi bulchiinsota magaalaatti hundaa’an 216 keessatti marsaa afuriin karaa Intarneetii akkasumas waraqaadhaan marsaa lamaan kennameera.