Milkaa’ina namootnni magaalaa Gimbiitti qonnarratti hojjetan irra gahan - ENA Afaan Oromoo
Milkaa’ina namootnni magaalaa Gimbiitti qonnarratti hojjetan irra gahan

Fulbaana 03/2018 (TOI)-Misooma qoonna magaalaarratti hirmaachuun oomishni argatan sooratarra darbee gabaa baasuun bu’a qabeessa ta’uusaanii hirmaattoonni godina Wallagga Lixaa magaalaa Gimbii dubbatan.
Kuduraa fi muduraan borootti misoomsan gabaa tasgabbeessuuf gumaacha taasisaa akka jiru bulchiinsi magaalichaa ibseera.
Hirmaattota keessaa obbo Mitikkuu Yohaannis TOI’f yaada kennaniin, deeggarsaa fi hordoffii bulchiinsi magaalaa tasisuufiin misoomichaan bu’a qabeessa ta’uusaanii dubbataniiru.
Oomishni kanarraa argatan sooratarra darbee gabaa baasanii galiinsaanii guddachaa jiraachuu ibsaniiru.
Obbbo Baashuraa Guutaa, erga qonna magaalaa eegalanii asitti kuduraa fi muduraa gabaarraa bitaa turan boroosaaniitti oomishuun bu’a qabeessa ta’aa akka jiran eeraniiru.
Soorataaf fayyadamuurra darbee gabaa baasanii faayidaan argata guddachaa dhufuu eeranii, fuulduras misooma kana akka cimsan dubbataniiru.
Muuzii qorannoon argamee fi yeroo gabaabaatti oomisha kennu misoomsuun fayyadamaa jiraachuusaa kan dubbatu ammoo dargaggoo Cannaqaa olaanaati.
Hojii dhabdummaa jalaa bahuun yeroo ammaa hawaasaaf Muuzii gatii madaalawaan dhiheessaa akka jiru dubbateera.
Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Gimbii Fayyeeraa Abboomaa akka jedhanitti, xiyyeeffannoo qonna magaalaaf kennameen jiraattonni kuduraa fi muduraa boroosaaniitti oomishuun bu’a qabeessa ta’aa jiru.
Jiraattonni sirna soorataa madaalawaa akka qabaatan qonni magaalaa qooda guddaa bahaa jiraachuu kaasanii, qaala’insi gatii magaalichatti akka hinmudannee fi dhiheessiin gahaa gatii madaalawaan hawaasaaf akka dhihaatu gochuun gumaacha taasisaa akka jiru ibsaniiru.