Xumuramuu hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddicha sababeeffachuun agarsiifni suuraa fi fakkii yaadannoo injifannoo Adwaatti baname - ENA Afaan Oromoo
Xumuramuu hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddicha sababeeffachuun agarsiifni suuraa fi fakkii yaadannoo injifannoo Adwaatti baname

Fulbaana 3/2017 (TOI)- Xumuramuu hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddicha sababeeffachuun agarsiifni suuraa fi fakkii Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti banameera.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Qaammee 4 bara 2017 hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddicha ifatti eebbisuunsaanii niyaadatama.
Xumuramuu hidha haaromsaa sababeeffachuun agarsiifni suuraa fi fakkii imala ijaarsaa waggaa 14 hidhichaa, hirmaannaa ummataa fi milkaa’inasaa agarsiisu har’a Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti banameera.
Itti aanaan kantiibaa fi hoogganaan waajjira Industirii magaalaa Finfinnee obbo Jaanxiraar Abbaayi, hojii raawwachiisaan olaanaa waajjira qindeessaa ummataa hidha haaromsaa guddichaaDr. Aragaawii Barhee, hoogganaan waajjira damee paartii badhaadhinaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee obbo Mogos Baalchaa fi hooggantoonni olaanoo bulchiinsa magaalichaa fi kutaaleen hawaasaa garagaraa baniinsa agarsiisaarratti argamaniiru.
Kanaan walqabatees mariin paanaalii mata duree “ waltaanee dandeenyeerra” jedhuun gaggeeffamaa jira.