Godina Baaleetti barattoota 800 caalaniif meeshaan barnootaa deeggarsaan kennameef

Fulbaana 02/2018(TOI)- Godina Baaleetti barattoota 800 caalaniif meeshaan barnootaa fi yuunifoormiin deeggarsaan kennameef.

Deeggarsa kana kan taasisan waldaa misooma Oromiyaatti damee Baalee fi Itiyoo Telekoomitti waajjira riijinii kibba kibba bahaa ta’uun beekameera.

Hooganaan waajjira barnootaa godinichaa obbo Tashaalaa Disaasaa, deeggarsi taasifame barattoonni sababa hanqina meeshaan barnootarraa akka hin hafne akka taasisu ibsaniiru.

Deeggarsa Itiyoo telekoom fi waldaan misooma Oromiyaa taasisaniif galateeffataniiru.

Bulchaan godinichaa obbo Abdulhakiin Aliyyi gamasaaniin, godinichatti daa’imni umriinsaanii barnootaaf gahe hundi barnoota idilee akka hordofan qooda fudhattoonni damichaa akka tumsan gaafataniiru.

Deeggarsa waldaa misooma Oromiyaatti damee Baalee fi Itiyoo Telekoomitti waajjira riijinii kibba kibba bahaa taasisaniif dhaabbilee biroof muuxannoo kan ta’udha jedhaniiru.

Qindeessaan waldaa misooma Oromiyaatti damee Baalee obbo Maasrashaa Tolaa, waldichi damee garagaraan tajaajila hawaasummaa bahachaa akka jiru yaadatanii, deeggarsi meeshaalee barnootaa taasifames qaama kanaati jedhaniiru.

Fuulduras deeggarsi kun cimee akka itti fufu mirkaneessaniiru.

Bakka bu’aan riijinii kibba kibba bahaa obbo Mahaammad Huseen Abdallaa, kaampaanichi tajaajila telekoomii kennuun gamatti tajaajila hawaasummaatiin deeggarsaa fi tumsa kan taasisu ta’uu kaasaniiru.

Barataa Sumayyaa Mu’aaz, deeggarsa dhaabbileen taasisaniif galateeffataniiru.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015