Shaampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa 20ffaan Boru eegala - ENA Afaan Oromoo
Shaampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa 20ffaan Boru eegala

Fulbaana 02/2018 (TOI)- Shaampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa 20ffaan Jaappaan Tookiyootti gaggeeffamu Boru eegala.
Itiyoophiyaa dabalatee biyyoonni 200 ta’an Shaampiyoonaa kanarratti akka hirmaatan odeeffannoon Shaampiyoonaa Atileetiksii addunyaa nimul’isa.
Atileetonni akaakuu dorgommii 49’n nihirmaatu.
Guyyaan Shaampiyoonaan kun itti eegalamu Atileetonni Itiyoophiyaa dorgommiiwwan ittiin eegaman tidorgomu.
Atileet Gudaaf Tsaggaayi, Tsiggee Gabrasalaamaa, Foyitan Tasfaayi fi Ijjigaayyoo Taayyee dorgommii xumuraa meetira kuma 10 dubartootaa guyyaa keessaa sa’aatii 9 fi daqiiqaa 30tti taasifamurratti nidormau.
Atileet Tigist Asaffaa, Suutumee Asaffaa fi Tigist Katamaa dorgommii Xumuraa maaraatoonii dubartootaa halkan keessaa sa’aatii 8tti dorgomamurratti nihirmaatu.
Shaampiyoonaan Atileetiksii addunyaa kun amma Fulbaana 11 bara 2918tti nigaggeeffama.