Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaanotarra darbee walitti hidhamiinsa riijinii nicimsa-Itiyoophiyaatti itti aanaa ambaasaaddara Jarman Dr. Fardinaand Vaahee

Fulbaana 02/2018 (TOI)- Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi xumuramuunsaa guddina dinagdeerra darbee biyyoota riijinichaa walitti hidhuuf dandeettii guddaa akka qabu Itiyoophiyaatti itti aanaa ambaasaaddara Jarman Dr. Fardinaand Foon  Vaahee ibsan.

Itiyoophiyaan Invastimantii kallattii alaaf akka mijattu ibsaniiru.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Qaammee 4 bara 2017 hidha haaromsaa Itiyoopphiyaa guddicha ifatti eebbisuunsaanii niyaadatama.

Hidhi haaromsaa xumuramee eebbifamuusaa ilaalchisuun TOI’n  Itiyoophiyaatti itti aanaa ambaasaaddara Jarman Dr. Fardinaand Foon  Vaahee dubbiseera.

Itti aanaan abmaasaaddaraa kun akka ibsantti, hidhi haaromsaa Itiyoophiya guddichi Itiyoophiyaa qofaaf osoo hintaane riijinichaa fi biyyoota biroo waan fayyaduuf walitti hidhamiinsa kan cimsudha.

Hidhi haaromsaa guddichi anniisaa elektiriikii olaanaa maddisiisuu  akka danda’u ibsanii, biyyoonni ollaas ta’an kanarra darbees tumsaan yoo hojjetan fayyadamummaasaanii guddisuu akka danda’an ibsaniiru.

Hidhi haaromsaa tumsa Itiyoophiyaanotaan dhugoomuusaa beeka kan jedhan ambaasaaddarichi, yeroo ammaa ijaarsisaa xumuramee eebbaaf gahuunsaa kan nama boonsuu fi gammachiisudha jedhaniiru.

Itiyoophiyaa fi Jarman humna haaromfamaa aduu fi kanneen biroorratti qorannoo fi qu’annoo gochaa akka jiran kaasaniiru.

Fooyyessoonni dinaggdee Itiyoophiyaatti taasifaman invastimantii kallattii alaa babal’isuuf abdii kan kennan akka ta’e dubbataniiru.

#Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI#Itiyoophiyaa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015