Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa Guddichi walitti hidhamiinsa cimaa riijinichaaf qooda olaanaa qaba–Lawureensi Firiiman - ENA Afaan Oromoo
Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa Guddichi walitti hidhamiinsa cimaa riijinichaaf qooda olaanaa qaba–Lawureensi Firiiman

Fulbaana 02/2018(toi)- Bu’aan hidha Haaromsa Itiyoophiyaa Guddichi biyyoota ollaafis kan fayyadu walitti hidhamiinsa cimsuun qooda guddaa akka qabu xiinxalaa Siyaas- Dinagdee Ameeriikaa Lawureensi Firiiman ibsan.
Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa Guddicha Qaammee 4 bara 2017 Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimadiin eebbifamuun ni beekama.
Lawureensi Firiiman turtii TOI waliin taassisaaniin madda Aannisaa Guddaa Afriikaa milkaa’inaan Xumuruun Cimina addaa akka barbaadu kaasaniiru.
Ijaarsi Hidha Haaromsa Itiyoophiyaa Guddichi xumuramee eebbifamuun Afriikaan akka dandeessu akka ragaatti kan ka’u ta’uu eeraniiru.
Hidhichi Meeggaa waattii kuma 5 fi 150 maddisiisuu akka danda’u eerun, kunis biyyoonni Riijinichaa Itiyoophiyaarraa humna ibsaa dabalataa akka argatan carraa gaarii kan uumu ta’uu kaasaniiru.
Gama biroon akka biyyaatti Aannisaa dabalataa argachuun fayyadamuurra darbee biyyoota ollaatti gurguruun fayyadamummaa Dinagdee guddisuuf qooda mataashaa qabaachuu dubbataniiru.
Itiyoophiyaan dhaqqabummaa Aannisaa dabalatee fedhiiwwan jiran humna ofiin guutachuuf tattaaffii taassifamuun Ardii Afriikaaf hojiiwwan fakkeenyummaan ka’an raawwachaa jiraachuu kaasaniiru.
Dhugaan beekamuu qabu jira kan jedhan Laawureensi Firiiman, Hidhichi Biyyoota Suluulaa Gibtsii fi Sudaan irratti miidhaa kamiyyuu hin geessisu jechuun cimsanii ibsaniiru.
Kanaafis bishaanichi guutumaa guutuun Itiyoophiyaa keessatti akka hin hafne argeera jechuun kaayyoon Hidhichaa bishaan hanbisuu akka hin taane hubachiisaniiru.
Bishaanichi Yaa’insa uumamaan gara biyyoota sululaa Gibtsii fi Sudaanitti yaa’u osoo hin dhaabiin itti fufuusaa dubbataniiru.
Namoonni uumama waan fooya’aaf oolchuu akka danda’an Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa guddicha agarsiistuu ta’uu eeruun, isaanis yeroo lama daawwachuu fi Afriikanonni akkasumas Awurooppaanonni hidha raajeffachiisaa kana daawwachuu akka qaban dhaamaniiru.
#Bifa Itiyoophiyaa #fakkeenya walta’insaa#abjuu bara dheeraa#Kennaa dhaloota haaraa #Faaya eenyummaa keenyaa#ifa abdii#bu’ura guddooma keenyaa#walharkaa fuudhinsa dhalootaa