Innisheetiivoota Itiyoophiyaan Dhiibbaa Haala Qilleensaa dandamachuuf Jalqabde tumsa kibba-kibbaan jabeessuu barbaachisa - ENA Afaan Oromoo
Innisheetiivoota Itiyoophiyaan Dhiibbaa Haala Qilleensaa dandamachuuf Jalqabde tumsa kibba-kibbaan jabeessuu barbaachisa

Fulbaana 02/2018(TOI)- Innisheetiivoota Itiyoophiyaan Dhiibbaa Haala Qilleensaa dandamachuuf Jalqabde tumsa kibba-kibbaan jabeessuun akka barbaachisu hoggantoonni dhaabbilee Idil-Addunyaa ibsan.
Hangi Faalama gaazii Afriikaan gallakkiftu dhibbentaa afur caaluu baatus dhiibbaa haala jijiirama qilleensaan baay’ee Miidhamtuu ta’uunshee hin oolle.
Keessumaa Afriikaa dabalatee biyyoonni guddachaa jiran rakkoo dhiibbaa jijiirama Haala Qilleensaan isaanirra gahu gaaffii dhimma jiraachuu keessa kan galu ta’eera.
Afriikaan Dhiibbaa Haala Qilleensaa dandamachuuf biyyoota gaazii qilleensa faalu guddaa dad-lakkisan eeggachuuurra , furmaata mataashee barbaaduu qabdi kan jedhu yaada dhaabbilee Idil-addunyaa hedduuti.
Kanarra darbee biyyootaTeekinooloojiin badhaadhan kanneen akka Chaayinaa fi Jaappaan waliinTumsa waloo Kibba-kibbaa taassisuun humna Teekinooloojii guddifachuu akka qabdu ibsaniiru.
Gargaaraan Barreessaa dhaabbata Meetiworooloojii Addunyaa Toomaas Asaaree TOI’f akka ibsanitti , Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa Guddicha faayinaansii haala Qilleensaa maddisiisuu fi biyyoonni ollaa humna Haaromfamaan walitti hidhuun gumaacha guddaa qaba.
Itiyoopiyaan sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiltuuwwan biiliyoonaan lakka’aman dhaabuun Dinagdee magariisaa Jijiirama Haala Qilleensaan hinraafamne ijaaraa jiraachuu ibsaniiru.
Kanaafis Kutannoon gaggeessummaa Ministira Muummee Dr.Abiyi Ahimadii fi Hirmaannaan ummata Itiyoophiyaa qooda olaanaa qabachuu dubbataniiru.
Ta’us Itiyoophiyaan Jijiirama Haala Qilleensaa dandamachuuf tattaaffii taassistu tumsa kibba -kibbaan jabeessuutu barbaachisa jedhaniiru.
Gargaaraa Daarekteer Jeneraalaa dhaabbata qonnaa fi nyaataa addunyaa fi itti waamamaan Afriikaa Dr. Abbabaa Hayilagabreel gamasaaniin, waliigalteewwan Paarisii fi idil addunyaa kanneen biroo biyyoonni gaazii qilleensa faalu guddaa gad-lakkisan faayinaansii jijjiirama qilleensaa akka danda’an taasisuuf bahan sirnaan hojiirra hin oolle jedhaniiru.
Dhiibbaa jijiirama haala Qilleensaa dandamachuuf tumsa kibba-kibbaa cimsuun humna teekinooloojiisaanii guddisuu akka qaban ibsaniiru.
Afriikaan ardii humna haaromfamaa, qabeenyota albuudaa fi dilbii uumamaa kanneen biroo qabdu ta’uushee eeruun, teeknooloojii dilbii kana ittiif fayyadamtu tumsa kibba-kibbaan madaqsuu qabdi jedhaniiru.
Hammattoo waliigaltee Kibba -Kibbaan biyyoon akka chaayinaa waan hedduun qoramanii humna teekinooloojii bu’uura qabatan ijaaraniiru kan jedhan Dr.Abbabaan , Afriikaan turtee seenuushee, /latecomer advantage/ akka carraatti fayyadamuu akka qabdu ibsaniiru.
Biyyoonni akka Chaayinaa hammattoo tumsa tumsaan dandeettii teeknooloojii hedduu qoramanii bu’ura qabate ijaaraniiru kan jedhan Dr. Abbabaan, Afriikaan turtee itti seenuunshee /late comer advantage/ akka carraatti fayyadamuu akka qabdu ibsaniiru.