Injifannoon hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichaan galmaa’e milkaa’inoota biroof kaka’umsa uumeera

Fulbaana 02/2018 (TOI)- Injifannoon hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichaan galmaa’e kaka’umsa kan uumee fi pirojektoota biroof yaadama guddaa kan gonfachiise ta’uu itti aanaan kantiibaa fi hoogganaan biiroo industirii bulchiinsa magaalaa Finfinnee obbo Jaanxiraar Abbaayi ibsan.

Pirojektiin hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi xumuramuu sababeeffachuun hooggantoonni olaanoo bulchiinsa magaalichaa bakka argamanitti maas Ispoortiin gaggeeffameera.

Hooggantoonni olaanoo bulchiinsa magaalichaa, dargaggoonni, maatiin Ispoortii akkasumas kutaleen hawaasaa garagaraa saganticharratti argamaniiru.

Itti aanaan kantiibaa fi hoogganaan biiroo industirii bulchiinsa magaalaa Finfinnee obbo Jaanxiraar Abbaayi wayita kana, hidhi haaromsaa pirojektii Itiyoophiyaanonni waloomaan abjuusaanii ittiin milkeessanidha.

Hidhi kun akka milkaa’u jiraataan magaalichaa tumsa guddaa gochuun hidhichi akka dhugoomu gumaacha olaanaa gumaachuusaa dubbataniiru.

Injifannoon hidha Kanaan galmaa’e milkaa’inoota biroof kaka’umsa kan uumu ta’uu dubbatanii, pirojektoota kana booda ijaaramaniif yaadama guddaa kan uumedha jedhaniiru.

Saganticharratti kan dubbifne Saamu’eel Baqqalaa fi Itsagannat Waldee hidhi kun xumuramuusaatti gammachuu ittidhaga’ame ibsaniiru.

Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi Itiyoophiyaanotaaf mallattoo tokkummaa ta’uu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015