Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa Guddichi pirojeektii Abjuu keenya waloon Milkeessinedha - ENA Afaan Oromoo
Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa Guddichi pirojeektii Abjuu keenya waloon Milkeessinedha

Fulbaana 02/2018(TOI)-Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa Guddichi pirojeektii Abjuu keenya waloon Milkeessinedha jechuun Itti Aanaa Kantiibaa Magaalaa Finfinnee fi Itti gaafatamaan Biiroo Misooma Industirii obbo Jaanxiraar Abbay ibsan.
Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee xumuramuu Hidha Haaromsa Itiyoophiyaa Guddicha sababeeffachuun Qondaaaltonni Olaanoon Bulchiinsa Magaalichaa bakka argamanitti Mas-Ispoortii gaggeesseera.
Saganticharratti itti Aanaa Kantiibaa Magaalaa Finfinnee fi Itti gaafatamaan Biiroo Misooma Industirii obbo Jaanxiraar Abbay dabalatee, Qondaaaltonni Olaanoon Bulchiinsa Magaalichaa,Dargaggoonni,matiiwwanispoortii, akkasumas kutaan Hawaasa adda addaa argamaniiru.
Obbo Jaanxiraar Abbay Saganticharratti akka jedhanitti Hidhi Haaromsaa Guddichi Itiyoophiyaa Pirojeektii Abjuu keenya waloon milkeessinedha.
Hidhi Haaromsaa Itiyoophiyaa Guddichi xiqqaatii hanga Guddaatti, duuressaa hanga Itiyoophiyaanota galii gad- aanaa qabaniitti waliin hirmaachuun injifannoo waloon milkeessani ta’uu dubbataniiru.
Aarsaa dafqa dhiigaa fi Imimmaanii Itiyoophiyaanonni itti kaffalan ta’uu ibsuun, misooma fulla’aa biyya keenyaaf ammas aarsaa ta’aa waloon dhaabbanna jedhaniiru.
Jiraattonni magaalichaa saganticharratti hirmaatanis eebbifamuu Hidha Haaromsa guddicha Itiyoophiyaatti gammachuu isaanitti dhagahame kallattii adda addaan ibsaniiru.