Dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Mahaammad Alii Yuusuuf baga bara haaraa 2018 geessan jechuun ergaa dabarsan

Fulbaana 01/2018(TOI)- Dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Mahaammad Alii Yuusuuf baga bara haaraa 2018 geessan jechuun ergaa dabarsaniiru.

Ergaa dabarsaniin, maqaa komishinii gamtaa Afriikaatiin mootummaa fi ummata Itiyoophiyaan baga bara haaraan isin gahe jechuun barbaada jedhaniiru.

Barri haaraa Itiyoophiyaa fi ummatasheef kan nagaa fi badhaadhinaa akka ta’u hawwii gaarii qaban ibsaniiru.

Itiyoophiyaan tokkummaa fi jijjiirama Afriikaaf gumaacha taasisaa jirtu cimsitee akka ittifuftu dura taa’aan kun waamicha taasisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015