Barri haaraa 2018 guddooma biyya keenyaa caalaatti kan itti gabbifnu ta’a-Kantiibaa Adaanech Abeebee

Fulbaana 01/2018(TOI)-Barri haaraa 2018 bayyanachuun Itiyoophiyaa bu’ura cimaarra kan dhaabatu, guddoomni biyya keenyaa olka’ee kan itti mul’atuu fi fayyadamni lammiilee caalaa kan itti mirkanaa’u ta’a jedhan kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee.

Kantiibaa Adaanech Abeebee Itiyoophiyaanota hundaa fi jiraattota magaalaa Finfinneef bara haaraa 2018 baga gessan jechuun ergaa dabarsaniiru.

Bara haaraa 2018 kan simanne hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddicha ashaaraan hunda keenyaa irra kaa’ame injifannoon xumuruun waan ta’eef baga gammaddan, baga gammanne jedhaniiru.

Ashaaraa magariisaan, Qamadiin, misooma magaalaan keessumaa milkaa’inoonni gurguddoon Finfinnee akkuma maqaashee miidhagduu taasisan galmaa’uunsaanii caalaa harka walqabannee akka hojjennu hidhannoo fi bu’ura ta’uusaanii ibsaniiru.

Barri 2018 bu’urri bayyanachuu Itiyoophiyaa olka’ee kan itti ijaaramu, imalli badhaadhina waliigalaa saffisiisuu milkaa’inaan kan ittifufsiifnudha jedhaniiru.

Guddooma biyya keenyaa fi fayyadama lammiilee kana caalaa mul’isuun Itiyoophiyaa hiyyummaa jalaa baasuuf waltaanee hojjechuu qabna jedhaniiru.

Hojiilee seenaa jijjiiran irra deddeebi’uun injifannoon akka galmeessifnun gaafadha jedhaniiru.

Barri haaraan hojjennee bu’a qabeessa kan itti taanu, nageenya keenya ittifufaa fi amansiisaa kan itti taasifnu, bara hunda keenyaaf mijatuu fi milkaa’inoonni keenya plka’anii itti mul’atan akka ta’u hawwii gaarii ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015