Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi gammachuu bara haaraa kan mul’isee fi imala gamtoomaa biyya keenyaa akka milkeessinu kan agarsiisedha-hooggantoota magaalaa Finfinnee - ENA Afaan Oromoo
Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi gammachuu bara haaraa kan mul’isee fi imala gamtoomaa biyya keenyaa akka milkeessinu kan agarsiisedha-hooggantoota magaalaa Finfinnee

Fulbaana 01/2018(TOI)- Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi gammachuu injifannoo bara haaraa kan mul’isee fi imala gamtoomaa biyya keenyaa akka milkeessinu kan agarsiisedha-hooggantoota magaalaa Finfinnee
Ministirri muummee RDFI dr. Abiyyi Ahimad Qaammee 4 bara 2017 hidha haaromsaa Itiyoophiyaa ifatti eebbisuunsaanii niyaadatama.
Sadarkaa hoogganaa biirootti itti aanaan hojii gaggeessasaa Tafarraa Mollaa TOI’tti akka himanitti, hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi hiikni dinagdee, Dippilomaasii, Hawaasummaa fi Siyaasaaf qabu olaanaa ta’uu dubbataniiru.
Itiyoophiyaan dandeettiisheen pirojektii jalqabdee akka xumurtu akkasumas dinagdeeshee ofiisheetiin ijaaruu akka dandeessu hidha Kanaan argineerra jedhaniiru.
Itiyoophiyaanonni yoo gamtoomne akka mo’annu kan hubachiisee fi faayidaan misooma hawaasummaa fi dinagdeef qabu olaanaa ta’uu eeruun, hidhi haaromsaa guddooma keenyaaf bu’ura gama dippilomaasiitiinis kan itti milkoofnedha jedhaniiru.
Dandeettii qindoomina mootummaa fi ummataan galmoota biyyaa milkeessuun akka danda’amu kan agarsiise ta’uus obbo Tafarraa mollaa dabalanii dubbataniiru.
Komishinariin hooggansa hojii balaa ibiddaa fi tasaa komaandar Ahimad Mahaammad gamasaaniin, hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi Itiyoophiyaanonni tokkoomuun nidanda’ama kan jedhu kan itti agarsiisanidha jedhaniiru.
Waloomaan yoo hojjetan mo’achuun akka danda’amu kan raga bahee fi pirojektoota biroo milkaa’inaan xumuruun akka danda’amu barnoota kan kenne ta’uu ibsaniiru.
Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi mallattoo milkaa’ina tokkummaa keenyaati jechuun komishinarichi dubbataniitu.
Hidhi haaromsaa bara haaraatti ijnifannoon kan nuceesisedha kan jedhan hooggantoonni kunneen, bara haaraa 2018 har’a jalqabnetti hundi keenya tokko taanee milkaa’ina misooma biyyaa fi imala guddoomaaf halkanii fi guyyaa hojjechuu qabna jedhaniiru.