Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa baga bara haaraa 2018 geessan jechuun ergaa dabarsan - ENA Afaan Oromoo
Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa baga bara haaraa 2018 geessan jechuun ergaa dabarsan
Itti Aanaan Ministira muummee ergaa fuula marsariitiisaaniirratti dabarsaniin waggaan darbe xumura hidha haaromsaa keenya nuuf gumaachee, hojiileen gama hundaan karoorsine raawwii gaariin darbeera.
Amma nuuf malu osoo hintaane amma dandeenyu hojjenneerra. Kan nuhafu yoo jiraate milkaa’inoota gurguddaa itti arganneerra.
Har’arra borutu caala. Qabeenya hintuqamne hedduu qaba. Nuyis muuxannoo kaleessarraa baranne hedduu qabna.
Guduunfaa kuufanne hedduu qabna. Boru karoora gurguddoo kan kaleessaa caalan fuuldura keenya jiru.
Karoorri kunneen wayita raawwataman Itiyoophiyaa kaleessaa Itiyoophiya kaleessaarraa adda taasisu. Bayyanachuu Itiyoophiyaa bu’ura qabsiisanii badhaadhina keenya caalaatti kan mirkaneessanidha.
Kan Itiyoophiyaa jaallannu hundi bara bayyanananaa Itiyoophiyaaf waloomaan haa hojjennu, bu’a qabeessa haataanu, seenaa haa hojjennu jechuun ergaa dabarsaniin ibsaniiru.