Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi utubaa dinagdee riijinichaati-Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa

Qaammee 5/2017 (TOI)- Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi utubaa dinagdee riijinichaati jedhan Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa.

Itti aanaan ministira muummee ergaa gamtoominaan kara kabajaatti! Bari’uu fi ifni hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddicharraa! Jedhuun karaa fuula marsariitiisaanii dabarsaniin, hidhi kun akkuma laga keenya Abbaayi Abbaayi abbaa Simboo akkuma yaa’awwanii ida’amuun humna ta’uu, akkuma deemsasaa fakkeenya cichoomaati jedhaniiru.

Gaara gubaa jalaa eegalee kan diriire kitaaba bishaanii mul’anni, cichoomni, gamtoominni, obsii fi dhamaatiin irratti barreeffame jechuun ibsaniiru.

Hidhi haaromsaa onnee fi sammuu dhaloota hedduu keessa ture, bara dhaloota cimoo kan raawwatame kanneen mul’ata qaban gamtoominaa fi gootummaan kan irratti hirmaatan alaabaa injifannoo akka ta’e dubbataniiru.

Hidhi guddichi guddummaa Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa kanneen dubbatan keessaa akka ta’e eeraniiru.

Hidhi haaromsaa hundi keenya akka ummataatti, mootummaafis akka tajaajilaatti garaa tokkoon galma waloo akeekkannetti bayyanachuuf, carraaqqii amma ammaatti taasifnee fi bu’aalee keenya cimsuuf mallattoo fi ragaa kan ta’e, bali’fnee kan ibsine ifa Afriikaa fi olkaafnee Kan dhaabne utubaa misoomaa riijinichaati jedhaniiru.

Hidha haaromsaa guddicha yemmuu ilaallu misoomaa nijabaanna. Bayyanachuuf  nicarraaqna kan jedhan itti aanaan ministira muummee nageenyaa fi gamtoomina biyyaaf waloomaan nitarkaanfanna jedhaniiru ergaa dabarsaniin.

 Daakuu qulqullina qabu sadarkaa garagaraa dhiheessuusaa ibseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015