Humni qileensaa Itiyoophiyaa samii hidha haaromsaa Itiyoophiyaa irra - ENA Afaan Oromoo
Humni qileensaa Itiyoophiyaa samii hidha haaromsaa Itiyoophiyaa irra

Qaammee 4/2017(TOI)-Ajajaan humna qilleensaa Itiyoophiyaa letenaal jeneraal Yilmaa Mardaasaa ummata Itiyoophiyaa hundaaf ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Bara dheeraaf kan itti dhamaane gammachuu guddooma Itiyoophiyaa kan ibsu ashaaraan Itiyoophiyaanota hundaa kan irra kaa’ame hidhi haaromsaa eebbaaf qaqqbuu eeranii, bakkatti argamuun kana arguusaaniitti akka ajajaa olaanaa waraana biyyaatti guddaa akka itti boonan ibsaniiru.
Humni qilleensaa Itiyoophiyaa guyyaa bu’urri hidha haaromsaa kaa’amee eegalee amma eebbaaf qaqqabutti daangaa qilleensaa riijinichaa karaa amansiisaa ta’een tiksaa akka jiru dubbataniiru.
Dhaabbatichi Waggoottan darbanii eegalee haala adda ta’een dandeettii ittisa qilleensa lafoo guddisuusaa ibsanii, jeettii waraanaa taargeettii diinaa samiirratti haala amansiisaa ta’een ka’umsasaaniirraa barbadeessuu danda’an hidhachuusaa ibsaniiru.
Humna namaa dirqama kennameef yeroo gabaabaa fi ga’umsa olaanaan raawwachuu fi teeknooloojii fayyadamuu danda’u gurmeessuun humnni qilleensaa yeroo barbaadametti daangaa qilleensaasaa isaa hintuqsiifne kan biyya itti boonu ijaaramuusaa dubbataniiru.
Bayyanachuun biyyaaf misooma fulla’aa!