Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi pirojektii Afriikaan carraashee ofiin murteeffachuu akka dandeessu agarsiisedha-pirezidaant Wiiliyaam Ruuttoo - ENA Afaan Oromoo
Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi pirojektii Afriikaan carraashee ofiin murteeffachuu akka dandeessu agarsiisedha-pirezidaant Wiiliyaam Ruuttoo

Qaammee 4/2017(TOI)- Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi pirojektii Afriikaan carraashee ofiin murteeffachuu akka dandeessu agarsiisedha jedhan pirezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruuttoo.
Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi har’a ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin eebbifameera.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad, Pirezidaan tiin Keeniyaa Dr.Wiiliyaam Ruuttoo, pirezidaantiin Jibutii Ismaa’el Omar Giileeh pirezidaantiin Somaaliyaa Dr Hasan Sheek Mahaammad, pirezidaantiinSudaan Kibbaa Saalvaakiir Mayardiit, ministirri muummee Baarbadoos Miyaa Amoor Motlii, ministirri muummee Iswaatiinii Rusel Miso Dilaminii, dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Mahaammad Alii Yuusuuf, mootummoota gamtoomaniitti barreessaan olaanaa komishinii dinagdee Afriikaa Kilaaver Gateetee sirna eebbaarratti argamaniiru.
Akkasumas Af-yaa’iin mana maree bakka bu’oota ummataa Taaggasee Caafoo Af-yaa’iin mana maree federeeshinii Aganyoo Tashaagar, itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa argamaniiru.
Pirezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruuttoo dubbii dubbataniin, hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi hiikaa seenaa guddaa akka qabu ibsaniiru.
Ummannii fi mootummaan Itiyoophiyaa milkaa’ina seena kana ga’uu keessaniif baga gammaddan jechuun barbaada jedhaniiru.
Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi hojii injiinarummaa osoo hintaane Afriikaan carraashee murteeffachuu akka dandeessu kan agarsiisudha jedhaniiru.
Keeniyaan hariirii Itiyoophiyaa waliin qabdu Cimsuuf kutannoon akka hojjettu ibsaniiru.
Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi pirojektii biyyaalessaarra darbee dandeettii paan Afriikaa qabatamaan kan agarsiisee fi agarsiiftuu ijaarsa bu’ura misoomaa Afriikaan durfamuu ta’uu dubbataniiru.
Abjuu waloo nagaa fi badhaadhinaa qaxanichaaf qabnu milkeessuun harka keenya akka jiru kan agarsiisudha jechuun dubbataniiru.
Ummata keenya jijjiiruu fi haala jireenyasaa fooyyessuuf tumsaan hojjechuu akka qabnu hubachisaniiru.