Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi gammachuu bara bari’uu biyya keenyaaf kan fidedha - ENA Afaan Oromoo
Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi gammachuu bara bari’uu biyya keenyaaf kan fidedha

Qaammee 4/2017(TOI)- Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi tokkummaan ciminaan hojjechuun injifannoo gammachuu bara bari’uu biyya keenyaaf kan fide ta’uu pirezidaantiin Yuunivarsiitii saayinsii fi teeknooloojii Finfinnee Dr. Darajjee Ingidaa ibsan.
Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi gamtoominaan kan dhugoome agarsiiftuu bara bayyanachuu Itiyoophiyaa fi meeshaa danda’uuti jedhan.
Hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddicha Itiyoophiyaanonni dandeettii ofiin ijaara Ministirrui muummee Dr. Abiyyi Ahimad har’a ifatti eebbisaniiru.
Pirezidaantiin Yuunivarsiitii saayinsii fi teeknooloojii Finfinnee Dr. Darajjee Ingidaa TOI waliin turtii taasisaniin, hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi ilama ifaa biyya keenyaa kan agarsiisedha jedhaniiru.
Moggaafni haroo hidha haaromsaa “Nigaat” jedhamuunsaa imala guddinaa biyyi keenya amma itti jirtuu fi gammachuu bara bari’uu kan agarsiisu ta’uu dubbataniiru.
Ogummaan hooggansaa ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad pirojekticharratti agarsiisan lammiin hundi hojii ittijirurratti muuxannoo kan irraa fudhatamu akka ta’e dubbataniiru.
Hidhi haaromsaa guddummaa biyya keenyaa kan itti dhugaa baanuu fi waloomaan yoo dhaabanne qormaata kamiyyuu ceenee badhaadhina keenya mirkaneessuu akka dandeenyu kan itti agarsiifnedha jedhaniiru.
Itiyoophiyaanonni hundi pirojekticha tokkummaan kan milkeessan mallattoo injifannoo waan ta’eef Adwaa lammaffaati jedhuun ibsaniiru.
Tokkummaa keenya cimsuun badhaadhina keenyaaf murteessaa ta’uusaa hidha haaromsaan agarsiifneerra jedhaniiru.
Bayyanachuu biyyaaf, misooma fulla’aa!