Pirojektiin hidha haaromsaa seenaa keenya kan jijjiiree fi Itiyoophiyaa gara guddoomaatti geessudha-Tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaaa

Qaammee 4/2017 (TOI)- Pirojektiin hidha haaromsaa seenaa keenya kan jijjiiree fi Itiyoophiyaa gara guddoomaatti geessu ta’uusaa Tajaajilli odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaaa beeksise.

Tajaajilli odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaaa hidhi haaromsaa xumuramuusaatti gammachuu itti dhagahame ibseera.

Tajaajilli odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaaa ibsa TOI’f ergeen, “Itiyoophiyaanonni ashaaraa guddaa dhaloota walitti aananii dhufaniin yaadatamu kaa’uu keessaniif baga gammaddan” jedheera.

Hidhi haaromsaa pirojektii seenaa keenya  jijjiiree fi Itiyoophiya gara guddoomaatti geessu ta’uu beeksiseera.

Gaabbii jalaa bahuun hidha Afriikaarraa tokkoffaa ta’e dandeettii keenyaan ijaaruu danda’uun guddummaa xiin-sammuu akka argamsiisu, jijjiirama ilaalchaa fi guddummaa akka fidu beeksiseera.

Biyyi keenya laga Abbaayirratti hidha akka hinhojjennee fi akka hinmisoomsine deeggarsaa fi liqii akka hin arganne taasimamaa tureera. Maallaqa kenyaa fi humna ummataan hidha kana ijaaruu danda’uun injifannoo guddaadha jedheera.

Iajaajilli odeffannoo fi nageenyaa biyyaalessa bu’uraalee misoomaa ijoo eeguuf aangoo kennameefiin adeemsa ijaarsa hidhichaa keessatti odeeffannoon caalee argamuun, duraan dursee odeeffannoo foolii fuudhuun fi ittisuuf teeknooloojiin deeggaramee hojjechuun, waraana xiin-sammuu fi dhiibbaawwan dippilomaasii idil addunyaa hidha haaromsaan walqabatee baname ittisuun akkasumas hojjetaan hundi boondii bituun qooda olaanaa gumaacheera kan jedhe odeeffannoon kun, miseensonni dhaabbatichaa aarsaa amma lubbuu gahu kaffaluun hidhi haaromsaa akka xumuramu gochuusaaniin galanni akka isaaniif malu beeksiseera.

Ummanni Itiyoophiyaa hundi gumaacha sadarkaa addaddaatti ibsamu gumaachuun hidhichi akka xumuramu tumsi tasise barabaraan yaadatamaa kan jiraatudha jedheera.

Hidhi kun xumuraaf akka qaqqabu hooggansi cimaa fi kutannoo qabu kennuun  gumaachi Ministirri muummee RDFI  Dr. Abiyyi Ahimad kennan imala bayyanachuu Itiyoophiyaaf boqonnaa haaraa ta’uusaa odeeffannoon tajaajilli odeffannoo nageenyaa biyyaalessaa TOI’f erge beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015