Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaaf Hoggantoota  gumaacha guddaa taassisaniif  Niishaanii  kabajaa kennaniif  

Qaammee 4/2017(TOI)- Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Hidha Haaromsa GuddichaItiyoophiyaaf Hoggantoota hojii gumaacha guddaa taassisaniif  Niishaanii  Kabajaa kennaniiruufi.

Hidhi Haaromsa Guddichi Itiyophiyaa Maallaqa, Humna, Dafqaa fi dhiiga Itiyoophiyaanotaan kan dhugoome guyyaa har’aa Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimadiin  eebbifameera.

Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad Lammiilee Ijaarsa hidhichaarratti gumaacha guddaa gumaachaniif   Niishaanii kabajaa  kennaniiru.

Bu’uuruma Kanaan Injiinar Efireem Waldakidaan Sadaasa24 bara 2004 hanga Amajjii 14 bara 2017 Itti Aanaa Hojii Gaggeessaa  Pirojeektii Madda Annisaa ta’uun tajaajiluusaaniin Niishaanii Kabajaa Ministira Muummeerraa kennameeraafi.

 Itti fufuun Injiinar Kamaal Ahimad badhaafamaa biroo Niishaanii Kabajaa yoo ta’an, Ebla bara 2013 eegaluun hanga ammaatti  Hojii Gaggeessa Hidhichaa  Kutaa Oppireeshinii  ta’uun  tajaajilaa jiru.

Sadarkaa Itti Aanaa HojiiGaggeessaa Hidha Haaromsaatti  Qindeessaa saayitii ta’uun tajaajilaa kan jiran Obbo Balaachoo Kaasaa Niishaanii Kabajaa Ministira Muummeerraa Fudhataniiru.

Dhumarrattis Hojii gaggeessa Olaanaa Pirojeektii Hidha Haaromsa guddicha Itiyoophiyaa Injiinar Kifilee Horoo Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad irraa Niishaanii kabajaa fudhataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015