Keessummoonni magaalaa Gondorirraa walitti dhufan hojiilee misoomaa Amboo fi Wancii Daawwatan - ENA Afaan Oromoo
Keessummoonni magaalaa Gondorirraa walitti dhufan hojiilee misoomaa Amboo fi Wancii Daawwatan
Qaammee 3/2017(TOI)- Keessummoonni magaalaa Gondorirraa walitti dhufan hojiilee misoomaa Amboo fi Wancii Daawwataniiru.
Gaggeessitoonni amantaa Ortodoksii, Wangeelaa, Islaamummaa, jaarsoliin biyyaa bakka bu’oonni kutaale hawaasaa garagaraa magaalaa Gondor misooma kooriidaraa magaalaa Amboo, mana qulqullummaa qulqulluu Qirqoos Dabra Gannat seena qabeettii, Ikoo turizimii Wancii fi Dandii daawwataniiru.
Ministirri industirii Malaakuu Allebel, gorsaan damee hawaasummaa ministira muummee Muhaaze Xibabaat Diyaaqon Daani’eel Kibrat, dursaan itti aanaa kantiibaa magaalaa Gondor Chaalaachoo Daanyaawu, abbootiin amantaa fi jaarsoliin biyyaa daawwannaa kanarratti argamaniiru.
Qaamoleen magaalaa Gondor bakka bu’anii daawwannaarratti argaman ijarsa pirojektoota pirojektoota golambaa mana qulqullummaa fi Kanaan walqabatan deeggaruuf waadaa galaniiru.
Daawwannaan keessummootaa kun walitti hidhamiinsi Itiyoophiyaanotaa kan hincinnee fi manni qulqullummaa qulqulluu Qirqoosis raga jiraataa ta’uun ibsameera.
Dursaan itti aanaa Kantiibaa magaalaa Gondor Chaalaachoo daanyewu daawwannaa Kanaan gocha dinqisiisaa waggaa 400 dura Gondorii fi Wancii jidduu bara mootii Faasiladas kan raawwate arguun keenya nuraajeffachiiseera jedhaniiru.
Walitti hidhamiinsi Itiyoophiyaa durii kaasee akka jiru kan agarsiisu belbeltuu maqaansaanii irratti barreeffame kan mootii Faasiladas waggaa 400 dura Qirqoosii Wanciif kennan arguunsaanii baay’ee akka isaan raajeffachiise dubbataniiru.
Hambaan seena qabeessi Masaraa Gondor Nooraa naannawa Amboorraa fudhatameen haaromfame walitti hidhamiinsa seena qabeessa gondarii fi Wancii kan mirkaneessanidha jedhaniiru.
Fuulduras Ummata Gondor qindeessuun pirojektii golambaa Wancii Qirqoos seena qabeettii fi buufata ijaaruun seenaa ashaaraa walitti hidhu ijoollee keenyaaf nikeenya jedhANIIRU.
Bataskaana Tawaahidoo Itiyoophiyaatti hojii gaggeessaan olaanaa lallaba Gondor jiddugalaa Liqa silxaanaat Qomos Abbaa Yooseef Dastaa, kennaan belbelaa Mootii Faasiladas mana qulqullummaa Wanciif kennan see
naa walitti hidhamiinsaa kan hubachiisudha jedhaniiru.
Sabboonaan gootichi injifannoo Adwaa Baalchaa abbaa Nafsoo mana meeshaa bataskaana maaramiif sagalee lallabaa Biraannaarratti barreeffame kennaa gumaachuusaanii yaadachiisaniiru.
Fuulduras hordoftoonni waldaan magaalaa Gondor qindeessuun golambaa mana qulqullummaa qulqulluu Qirqoos ijaaruuf waadaa galuu dubbataniiru.
Barreessaan olaanaa mana maree dhimmoota Islaamummaa magaalaa Gondor Ahimaddiin Abdulqaadir, daawwannaan Amboo fi Wancii Itiyoophiyaanonni seenaa walitti hidhataa akka qaban agarsiisa jedhaniiru.
Kantiibaan Bulchiinsa magaalaa Amboo Haacaaluu Gammachuu, pirojektiin ikoo turizimii Wancii maaddii biyyaa qabeenya uumamaan badhaadhe ummata naannawaa fayyadamoo godheera jedhaniiru.
Daawwannaa keessummoota magaalaa Amboos nugammachiiseerra kan jedhan kantiibaan kun, Kun ammoo Itiyoophiyaanonni waan isaan walitti hidhu maddisaa tokko kan ta’e akka qabnu akka hubannu nutaasise jedhaniiru.
Daawwannaan kun walitti hidhamiinsa ummataa seenaan walitti hidhe cimsuun kan akeekame ta’uun ibsameera.