Yaa’iin haala qilleensaa Afriikaa 2ffaan har’a eegalama - ENA Afaan Oromoo
Yaa’iin haala qilleensaa Afriikaa 2ffaan har’a eegalama

Qaammee 3/2017(TOI)-Yaa’iin jijjiirama haala qilleensaa Afriikaa lammaffaan har’a irraa eegalee guyyoota sadiif Finfinneetti nitaa’ama.
Yaa’iin kun mata duree “furmaatilee haala qilleensaa idil addunyaa saffisiisuu, misooma magariisaa Afriikaa faayinaansiin deeggaruu” jedhuun har’arraa eegalee guyyoota sadiif Finfinneetti gaggeeffama.
Yaa’ii muummeen dura dura guyyoota muraasa darban haaldureewwan haala milakaa’aan gaggeeffamuusaanii fi yaadonni imaammataaf galtee ta’an kaafamuunsaanii ibsameera.
Itiyoophiyaan rakkoo jijjiirama haala qilleensaa waloomaan ittisuun ejjennoo bu’aa caalaa fiduuf qabduu fi hojiilee hojjette yaa’iirratti nidhiheessiti.
Furmaatilee naannawaa tarsiimoo haala qilleensaa ardii waliin walitti hidhuun haala danda’amurratti nimari’atama.
Afriikaanonni jijjiirama haala qilleensaa ittisuuf kutannoon kan ittiin hojjetan “waliigalteen tumaa Finfinnee” yaa’ii kanarratti akka mirkanaa’u ni’eegama.
Tattaaffii Afriikaan bulchiinsa haala qilleensaan bakka sirrii qabachuuf taasiftu kan gargaaran murteewwan akka darban ni’eegama.
በHooggantoota biyyoota garagaraa dabalatee hirmaattonni kuma 25 caalan yaa’icharratti nihirmaatu.