Itiyoophiyaa fi Giriinaadaan dhimmoota tumsaan hojjechuu danda’anirratti mari’atan - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaa fi Giriinaadaan dhimmoota tumsaan hojjechuu danda’anirratti mari’atan

Qaammee 2/2017 (TOI)-Ministirri dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos ministira dhimma alaa Giriinaadaa Jooseef Andil waliin dhimmoota gamlamee biyyaarratti mari’ataniiru.
Mariin kun yaa’ii hooggantoota hawaasa Afriikaa Kaariibiyaan lammaffaa Finfinneetti taa’amaa jiru cinaatti taasifame.
Walitti hidhamiinsa seena qabeessa Afriikaa fi Kaariibiyaan jidduu jiru gara tumsa qabatamaatti jijjiiruun akka barbaachisu ministiroonni marii taasisaniin kaasaniiru.
Akkasumas Itiyoophiyaa fi Giriinaadaan fuuldura, dameelee fayyaa, dippilomaasii, human nama baratee bobbaasuu fi Aviyeeshiniin tumsa gochuun haala danda’amurratti mari’ataniiru.