Hooggantoonni biyyoota garagaraa yaa’ii jijjiirama haala qilleensaa Afriikaa lammaffaarratti hirmaachuuf Finfinnee dhufaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Hooggantoonni biyyoota garagaraa yaa’ii jijjiirama haala qilleensaa Afriikaa lammaffaarratti hirmaachuuf Finfinnee dhufaa jiru

Qaammee 2 /2017(TOI)- Hooggantoonni biyyoota garagaraa yaa’ii jijjiirama haala qilleensaa Afriikaa lammaffaarratti hirmaachuuf Finfinnee dhufaa jiru.
Itti aanaan pirezidaantii TaanzaaniyaaDr. Filiip Izdoorii Mipaangoo fi itti aanaan pirezidaantii mana maree pirezidaanshaalii Liibiyaa Muusaa Ilkoon yaa’iirratti hirmaachuuf har’a waaree booda Finfinnee dhufaniiru.
Ministirri haqaa Haannaa Ar’ayasillaasee buufata xiyyaaraa idil addunyaa Booleetti argamuun keessummoota simataniiru.
Yaa’iin haala qilleensaa Afriikaa lammaffaanmata duree “furmaatilee haala qilleensaa idil addunyaa si’achiisuu, misooma magariisaa Afriikaa faayinaansiin deeggaruu” jedhuun boru Qaammee 3 bara 2017 Finfinneetti ni’eegala.
Yaa’iin kun qormaatilee ariifachiisoo Ardii Afriikaarra gahaa jiran jalaa fulla’insaan bahuun haala danda’amu irratti nimari’ata jedhameetu eegama.