Qormaattota sadarkaa idil addunyaatti mudachaa jiraniif sagalee tokko dhageessisuutu barbaachisa-ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad

Qaammee 2/2017 (TOI)- Qormaattota sadarkaa idil addunyaatti mudachaa jiraniif sagalee tokko dhageessisuutu barbaachisa jechuun ibsan ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad.

Yaa’iin lammaffaa biyyoota Afriikaa Kaariibiyaan Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Yaa’iin kun mata duree “Afrikaanotaa fi sanyii Afriikaanotaaf haqa kiisii barbaaduuf tumsa Ardii cehu” jedhuun gaggeeffamaa jira.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad dubbii yaa’icharratti dubbataniin, addunyaan jijjiiramaa akka jirtu ibsaniiru.

Sagaleeweewan wayita tokko dagataman amma dhagahamuu akka barbaadan hubachiisaniiru.

Yeroo ammaa qofa qofaatti yaada ibsuu mannaatii, tokkummaan human ta’uusaa hubachuun tokko taanee sagalee dhageessisuu qabna jechuun ibsaniiru.

Kanaaf ammo akka yaa’ii biyyoota Afriikaa Kaariibiyaan kanaatti walitti dhufuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.

Kanaaf qormaattona sadarkaa idil addunyaatti mudachaa jiraniif deebii kennuuf tokkummaan ardii barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015