Pirezidaant Wiiliyaam Ruuttoo Finfinnee dhufan - ENA Afaan Oromoo
Pirezidaant Wiiliyaam Ruuttoo Finfinnee dhufan

Qaammee 2/2017 (TOI)- Pirezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruuttoo yaa’ii jijjiirama haala qilleensaa lammaffaarratti hirmaachuuf Finfinnee dhufan.
Ministirri geejjibaa fi Lojistiksii Dr. Alamuu Simee fi mi istirri qonnaa Addisuu Araggaa buufata xiyyaaraa idil addunyaatti argamuun pirezidaantii Keeniyaa Wiiliyaam Ruuttoo simataniiru.
Yaa’iin jijjiirama haala qilleensaa Afriikaa lammaffaan boru irraa eegalee amma Qaammee 5 bara 2017tti Finfinneetti akka gaggeeffamu nibeekama.
Hooggantoonni biyyoota garagaraa yaa’ii kanarratti hirmaachuuf Finfinnee dhufaa jiru.